Agarsiifni teekinoolojii Finfinneetti baname, lammiileen kalaqa teekinolojiirratti hirmaatan muuxannoo idil addunyaa kan itti argataniidha jedhan, Ministirri Innooveshiniifi Teeknoloojii Dr. Ballaxaa Mollaa.
‘OBN Cyber Media’ Sadaasa 23, 2017-Agarsiisichis qindeessummaa Ministeera Inooveshiiniifi Teeknolojiin qophaa’e. Saayinsiitti bane.
Agarsiisa kanarratti ardii sadiirraa, biyyoonni 14 kan hirmaatan yoo ta’uu, dargaggoonni hedduun kalaqa isaanii kan ittiin beeksifatan akka ta’e himameera.
Humna kalaqaa biyya keessaa jajjabeessuun faayidaaf oolchuu qabnaas jedhan.
Kalaqoonni sekteraalee akka qonnaa, fayyaafi kanneen biroorratti bu’a fidaa jiraachuu kan eeran Dr. Ballaxaan, agarsiisichaan muuxanoo fudhachaa, carraa jiru addaan baasuuf hedduu nu gargaaraa jedhan.
Barreessaan Dhaabbata Tumsa Kibbaa Mansur Bin Salaam, dhaabbatichi, dhimmoota kalaqa biyya keessaa irratti xiyyeeffachuun hojjachaa jiraachuu himanii, teeknoolojii biyya keessaa madaqsuudhaan hojii guddaa akka addunyaatti hojjachuu qabna jedhaniiru.
Agarsiisicharratti hirmaattootni ardiilee Laatin Ameerikaa, Eeshiyaafi Afrikaa hirmaataniiru. Badhaasoo Hayileen.

All reactions:
2020