Afaanota biyya keessaa

Date:

OBN Hagayya 14/2016:– Biiroon Barnootaa Magaalaa Finfinnee Yuunivarsiitii Barnootaa Kotobee waliin ta’uun hojiirra oolmaa afaan barnootaa lammaffaarratti mari’ate.
Biiroon Barnootaa Magaalaa Finfinnee kanaan duras Yuunivarsiitii Barnootaa Kotobee waliin ta’uun barattoonni Afaan Amaaraatiin afaan hiikkatan, Afaan Oromoo dabalataan akka baratan akkasumas kanneen Afaan Oromootiin Afaan hiikkatanis Afaan Amaaraa dabalataan akka barataniif qoratanii turan.
Qorannichis barataan tokko afaanota sadiin barachuu qaba akeeka jedhu kan bu’uureffate waan ta’eef kaabineen Bulchiinsa Magaalaa Finfinnees raggaasisuun hojiirra oolcheera.
Barattoonni afaanota garaa garaatiin barachuun isaaniis hariiroo hawaasaafi maatii cimsuu, aadaa walii beekuufi biyya ijaaruuf gumaacha jabaa qabaachuutu eerame.
Hogganaan Biiroo Barnootaa Magaalaa Finfinnee Dr. Zalaalam Mulaatuu, rakkoowwan afdaneessummaa danqan qorachuun qooda fudhattoota waliin qindoominaan furuuf kan hojjetan ta’uu himan.
Dhiheessii galteewwan barnootaafi rakkoolee biroo mudatan furuufis ni hojjetama jedhan. Manneen barnootaa sadarkaa lammaffaa keessattis kallattii ministeerri Barnootaa kaa’een afaanota biyya alaa keessaa Afaan Arabaafi Faraansi barsiisuuf filatamuu ibsan.TOI
Odeeffannoon wayitaawaa bakka jirtanitti akka isin qaqqabuuf fuula miidiyaa hawaasaa OBN irraa argachuu yoo feetan:
Feesbuukii OBN Afaan Oromoo: http://facebook.com/OBNAfaanoromo
Feesbuukii OBN Horn of Africa : https://www.facebook.com/OBNHornofAfrica
Feesbuukii OBN Afaan Amaaraa:- http://facebook.com/OBNAmharic
Feesbuukii OBN Afaan Ingilizii:- http://facebook.com/OBNEnglish
Yeroo hunda waan nu waliin jirtaniif ulfaadhaa.
OBN Sagalee Uummataa

LEAVE A REPLY

Please enter your comment!
Please enter your name here

Share post:

Subscribe

spot_imgspot_img

Popular

More like this
Related

“Paartiin Badhaadhinaa seenaa gara qabeenyaatti; hambaa gara duudhaatti jijjiire”- Obbo Tamasgeen Xurunee.

‘OBN Cyber Media’ Guraandhala 03,2018 Paartiin Badhaadinaa mata duree “...

Haaromsi Aadaa injifannoo Oromoo ceesisudha!

‘OBN Cyber Media’Guraandhala 01,2018 Oromoon sadarkaa gaanfa Afrikaatti saba guddaa...

“Imalli badhaadhinaa hawaasa keenya diinagdeen gahoomsa”-Obbo Namarraa Bulii.

‘OBN Cyber Media’ Amajjii 29,2018 Imalli badhaadhinaa hawaasa keenya aara...

“Buusaa Gonofaan duudhaa namoomni ittiin calaqqisiifamuufi jireenyi guyyuu ittiin qajeelfamudha”-PMNO obbo Shimallis Abdiisaa.

Oromoon falaasama sirna Gadaa ijaareen jaarmiyaalee seeraafi sirnaan guutamanii...