Waliigalteen Araaraa Mootummaa Naannoo Oromiyaafi WBO gidduutti mallatteeffame.

Date:

‘Mootummaan Jijjiiramaa keenya garaagarummaa siyaasaa madda rakkoo nageenyaafi gaaga’ama ummataa ture marii nagaatiin hiikuuf kutannoo hin reeqqifneen socho’aa turuun isaa niyaadatama.’ Pirezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa

Hayyoonni Oromoo, Abbootiin Gadaafi Amantaa, Haadholiin Sinqeefi Dhimmamtoonni nageenyafi misooma Oromiyaa, hundaa’ol ummanni Oromoo baldhaan garaagarummaan jiru marii nagaatiin akka furmaata argatu irra deddeebiin watwaataniiru.

Bu’uuruma kanaan, WBOn kutannoo MNO marii nagaa irratti qabuuf beekamtii kennee, watwaannaa dhimmamtootaaf gurra laateefi ummata keenya sababa rakkoo nageenyaatiin gadadoo keessa gale mararfatee marii nagaa adda citee turetti deebi’uun waliigaltee guyyaa har’aa kanarra gahuun keenya seenaa qabsoo siyaasa Oromoo keessatti boqonnaa guddaadha.

Waliigaltee guyyaa har’a Mootummaa Naannoo Oromiyaafi Waraana Bilisummaa Oromoo gidduutti taasifameen, kan injifate ummata Oromoo waan ta’eef hawaasa keenya dabalatee, qaamoleen marii nagaa leellisaa turtan hundi, baga gammaddan, baga gammanne jechuun barbaada.

Hoggansifi Miseensonni WBO, waldhabdee ture karaa nagaatiin furuu filattannii waliigaltee kanarra gahuu keenyaf maqaa kiyyaafi maqaa Mootummaa Naannoo Oromiyaatin isin galateeffachuun barbaada.

Mootummaan Naannoo Oromiyaa waliigaltee kanaan humnoota siyaasaa Oromoo gidduutti riqicha walhubannoo, obbolummaa, walmararfannaafi gamtaa ijaaruun gaaga’ama ummata Oromoofi walqoodinsa humnoota siyaasaa Oromootti furmaata waaraa gochuuf kutannoo nagaa hinreeqqifne hidhachuun kan socho’u ta’uu ifatti kanan mirkaneessu ta’a.

Dhumarrattis, ummata keenya dabalatee, qaamolee waliigaltee guyyaa har’aa mallatteessine irra akka geenyu nuwaliin dhaabbattan hundaan ulfina argadhaa jechaa, gara fuula duraattis, nageenyafi misooma Oromiyaa dhugoomsuu irratti akka nuwaliin hiriirtan imaanaa jechuun barbaada jechuun Pirezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa ergaa karaa toora miidiyaa hawaasaa isaanii dabarsaniiru.

LEAVE A REPLY

Please enter your comment!
Please enter your name here

Share post:

Subscribe

spot_imgspot_img

Popular

More like this
Related

Dubartootaafi Dippilomaasii

‘OBN Cyber Media’ Waxabajjii 17,2018 Humna bishaanii mala dubartii siif...

“Paartiin Badhaadhinaa seenaa gara qabeenyaatti; hambaa gara duudhaatti jijjiire”- Obbo Tamasgeen Xurunee.

‘OBN Cyber Media’ Guraandhala 03,2018 Paartiin Badhaadinaa mata duree “...

Haaromsi Aadaa injifannoo Oromoo ceesisudha!

‘OBN Cyber Media’Guraandhala 01,2018 Oromoon sadarkaa gaanfa Afrikaatti saba guddaa...

“Imalli badhaadhinaa hawaasa keenya diinagdeen gahoomsa”-Obbo Namarraa Bulii.

‘OBN Cyber Media’ Amajjii 29,2018 Imalli badhaadhinaa hawaasa keenya aara...