Pilaastika biyyeen hin nyaanne (hin bososne), labsiin bahe biyyee nyaachise.
‘Faalamni pilaastikaan dhufu hanga bishaan lafa jalaa summeessuutti gaha.’ Sagantaa kunuunsa Naannoo Addunyaa.
Faalamni pilaastikaan dhufu bishaan dirra lafaarra darbee hanga bishaan lafa jalaa summeessuuttillee akka gahu ragaan Sagantaa kunuunsa Naannoo Addunyaarraa argame kan mul’isu.
Odeeffannoo Sagantaan kanarraa argameen; addunyaarratti waggaa 1 keessatti pilaastika toonii miiliyoona 400fi miiliyoona 60’tu oomishama.
Kana keessaas tooniin miiliyoona 200fi miiliyoona 90’tti siqu kanneen si’a tokko qofa tajaajiluun gatamanidha.
Toonii miiliyoona 19-23 ta’u immoo kallattiin qabeenyaa bishaaniifi lubbu qabeeyyii bishaan keessaa kan hubunidha.
Omisha walii galaa pilaastikaa keessaas harki 75 warreen tajaajila gabaabaa kennanidha.
Gataan balfa pilaastikaa kunis harki 46 dirra lafaarratti raawwata.
Omisha kana balaafamaa kan godhe immoo biyyeen nyaatamuu dhabuusaati.
Akkaatuma oomisha isaatti burkutaa’uuf/bososuuf waggaa 20 hanga 600 itti fudhata jedhame.
Akka ragaan Sagantaa eegumsa Naannoo Addunyaarraa argame mul’isutti faalamni balfa pilaastikaan lafa, qaama bishaaniifi bishaan lafa jalaa irraan gahaa jiru yaaddoo hamaadha.
Dirra lafaarratti baay’achuun isaa biyyeen nyaatamee waan hin bososneef biqilaan hidda yaafatee albuuda guddachuuf isa barbaachisu akka hin arganne daangessa, lafa oomishaa keessa faca’uunis oomisha xiqqeessa, bineensonni marga dheedanis nyaata isaanii waliin yoo liqimsan garaachatti rakkachuun ajjessa, lolaa, bubbeefi gama gara garaan qaama bishaaniitti dham’uun qurxummii dabalatee lubbu qabeeyyii bishaan mandheeffatan hedduu hubaa jira.
Kun immoo lubbu qabeeyyiin bishaan keessaafi lafarraa sirna Iikkoo isaanii eeganii akka itti hin fufne godha jira.
Qabeenya Bishaanii dirra lafaarra jiru miidhuu bira darbuunis carraa argateen bishaan lafa jalaa summeessuu akka danda’u bahiin qorannoo gama kanaan jiru kan mul’isu.
Rakkoo faalama qilleensaa gama pilaastikaan gahu qolachuufis biyyoonni Miseensa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii ALA bara 2022 qajeelfama dhabamsiisa balfa pilaastikaa mallatteessaniiru.
Biyyoonni kunneenis haammattoo seeraa dhimma kanaaf akka baasaniif kallattiin taa’ee ture.
Hojichas ALA hanga bara 2024’tti xumuruuf walii galameera.
Itiyoophiyaa gidduu kana balfa Pilaastikaa dhabamsiisuuf maaltu tarkaanfiitti galche.
Itiyoophiyaanis biyya walii galteen kun ishee ilaallatudha.
Miidhaan Pilaastikaa Itiyoophiyaa keessatti maal fakkaata?
Itiyoophiyaatti waggaatti balfa pilaastikaa tooniin kuma 300fi kuma 80 ol akka uumama himama.
Kana keessaas harka 6 qofatu irra deebiin hojiirra oolaa jira jedhame.
Harki 60 immoo bakkeerratti faca’ee akka argamu, ragaan Abbaa Taayitaa Eegumsa Naannoo Itiyoophiyaa irraa argame kan mul’isu
Baay’inni uummataa dabaluufi babal’inni magaalotaammoo itti fayyadama pilaastikaa gar malee guddiseera.
Sababa kanaafis fedhiin itti fayyadama pilaastikaa harka 13’n dabaleera jedhame.
Tarkaanfii Itiyoophiyaan fudhatte:-
Itiyoophiyaan miidhaa pilaastikaan dhufu to’achuuf hammattoofi tarsimoo to’annoo balfa pilaastikaa ALA bara 2024 hanga 2034 hojiirra olu bocceetti.
Bu’uura kanaanis Manni Maree bakka bu’oota Uummataa Itiyoophiyaa labsii Korojoo peestaala irraa tolfamutti dhimma bahuu dhorku ragaaseera.
Labsiin kunis qabiinsa balfa gogaa lakkoofsa 1383/2017 jedhuun ba’eera.
Kanaanis Amajjii 23 bara 2018 irraa eegalee oomishaaleen korojoo pilaastikaa hojiirra akka hin oolle dhorkameera.
Kanaanis Pilaastika biyyeen hin nyaanne labsiin manni Maree bakka bu’oota Uummataa baase biyyee nyaachiseera.
Namni qajeelfama kana sarbe maal ta’a?
- Guyyaa jedhameerraa eegalee Namni korojoo Pilaastikaa baatee argame birrii kuma 2 hanga kuma 5 adabama.
- Labsii qabiinsa balfa gogaa lakkoofsa 1383/2017 ba’e, keeyyata 25(1) irratti namni Korojoo pilaastika irraa tolfame/feestaalatti fayyadame birrii kuma 2 hanga kuma 5 akka adabamu, Abbaa Taayitaa Eegumsa Naannoo Oromiyaatti Daayirektarri Daayirektooreetii To’annoofi Hordoffii Hojiirra Oolmaa Seerota Eegumsa Naannoo, Obbo Gizaachoo Birmataa himaniiru.
- Dhaabbileen oomisha kana dhoksaan oomishaniifi gurguran immoo hidhaa waggaa 15 fi adabbii maallaqaa dachaa sadiitu isaan eeggata jedhame.







