OBN Cyber Media’ Amajjii 21,2018
Aadaan haala ooltee bultee nama dhuunfaa, maatii tokkoo ykn hawaasa tokkooti.
Akkatti dubbatanifi nyaatan irraa eegalee akkaataan hojii, barnootaafi hirmaannaa siyaasaa hawaasa tokkoollee aadaa isaan bocama.
Namni fi hawaasni aadaa hojii gaarii qabu, gaafa humna qabu, bariifi waarii osoo hin jedhiin, jooree jaawwaree dafqa isaan qabeenya horatee maatii isaa diinagdeen ga’oomsa.
Hawaasarra darbee biyyoonni addunyaa hedduunillee, aadaa hojii hawaasa isaanii hojiin ga’oomsuuf, kaan balbala cufanii, kaan wal hubatanii, ooltee bulteefi siyaasa isaanii qoratanii, haaromsanii, daandii guddinaa hawwan qabataniiru.
Haaromsa aadaa gaggeessaniinis, diinagdee isaanii ammayyeesuun, gabaa alaaf karra saaqanii, abbootii qabeenyaa biyya alaas simachun, sirna diinagdeefi siyaasaa nagaa bu’uureffate uummachuu danda’aniiru.
Biyyoonni akka Jaappaan, Chaayinaa, Firaansi, Raashiyaafi Jarman kanaaf fakkeenya.
Haaromsi Aadaa biyyoonni kunniin kaleessa of ta’anii, ofitti deebi’ani keessoo jiruufi jireenya isaanii qoratanii kallattii itti akeekkatan, guddina har’a irra ga’aniif bu’uura guddaadha.
Yeroo addunyaan qe’ee tokko taateefi guddinni teknooloojii aadaa jiruufi jireenya guyyaa guyyaa uummata addunyaa hoogganaa jirutti, dhaabbatanii of ilaaluufi haala qabatamaa jirutti of madaksuuf, aadaa ooltee-bultee keessa jiran qoratanii of-haaromsuun dirqama yeroon gaafatudha.
Akka Itiyoophiyaattis ta’ee akka Naannoo Oromiyaattis, sirna barnootaa safuufi safeeffannaan dhaloota fuulduratti tarkaanfachiisu, misooma qonnaa wabii nyaataa mirkaneessee birmadummaa biyyaa utubu, Siyaasa mul’ataan gaggeeffamee waliin jireenya cimsu, aadaafi aartii kaleessarraa waraabbatee hawaasa dheebuu baasee egeree akeekuu, miidiyaafi kominikeeshinii addunyaa dijiitaalaafi hawaasa walitti hidhuun faayidaafi miidhaa giloobaalaayizeeshinii hawaasa hubachiisu uumuuf, tarsiimoon “Haaromsa Aadaa” bocamee hojiitti galameera.
Falaasmni Haaromsa Aadaa Oromoos ofta’uu, wal ta’uu, waliif ta’uufi waliin ta’uu kan bu’uureeffate yoo ta’u, beekumsa xabboo gabbisuu, kalaqaafi teknooloojii jabanaa akkaataa duudhaa ofiin simatee beekumsaafi diinagdee oomishuun hawaasa dorgomaa ta’e horachuun ammoo galma tarsiimoo haaromsa aadaa Oromooti.
Fayyeeraa Fufaatiin







