Albuuda Baddaatti kan fakkeeffamu Leemman toora keessan jiraa?

Date:

Muummee Tulluu gaarreenii; waan hin bulleeftu jira, Muumaa kichuu Leemmanii; waan hin tuqneeftu jira…’’ jedhanii maaliif geeraru.

Leemman qabeenya guddaa lafa baddaatti biqiludha.

Oromoo biratti leemman woyyooma; ciranii lafarraa hin balleessan.

Gamtaan leemmanii bakka tokko jirus Muumaa jedhama.

Namni Muumaa leemmanii balleesse gumaa baasa.

Yoo hojii adda addaatiif barbaadanillee, Leemman gaamare osoo jiru, kichuu hin muran.

Leemman aadaa keessatti ulaagaa guuta.

Gaafa fuudhaa heerumaa, gurbaan fuudhu (Idaayyichi) akka waddeessaatti qabatee, Idaayyittii fudhatee gala.

Galgala hamoommonni bulee; yoo buna badaasan, qonyee( akooftuu)leemman irraa tolfamteen, buna badaa keessa walaasu.

Soomayyuun waraana Warjii ka jilaafi sirnaaf qabatan leemman irraa tolfamti. Leemman qorichoomallee ni qaba.

Dubartiin deettee, guyyaa jaha booda hobaxaa dhiqatti.

Hobaxaan baala mukaa qorichooma qabu, heddutu walitti makamee okkotee guddaa keessatti affeelama.

Baalli leemmanii waan affeelamee, dubartiin deette qaamaan dhiqattu keessaa tokko.

Arsii Lixaa Aanaa Kokkossaatti, Leemman waan keessaa dhabamu hin qabu.

Manni osoo wanti biraa itti hin dabalamne, Leemman qofarraa ijaaramuu danda’a.

Meeshaaleen mana keessaa hedduun Leemman irraa tolfamu.

Teessoo irra taa’an, Gimbaabee(Dibaabee) irraa qabee, gimboolaan xuraawaa ittiin gatan Leemman irraa tolfama.

Dabalataan, qe’een keessa jiraatan Leemmaniin dallayamti.

Leemman bu’uura galii hawaasaa ta’ee tajaajila.

Namoonni Leemman hedduu qaban, gabaaf dhiheessanii of bulchu.

Leemman akka mallattoo bareedinaattis ni lakkaayama.

Kanaaf, artistoota hedduutu Leemmanitti fakkeessee jaalallee faarsee jaalalaaf sirba.

Wanti gati jabeessi kun Arsii lixaa Aanaalee baddaa, keessattuu Kokkossatti baay’ee marga.

Abdulaziiz Kadiiriin.

LEAVE A REPLY

Please enter your comment!
Please enter your name here

Share post:

Subscribe

spot_imgspot_img

Popular

More like this
Related

“Paartiin Badhaadhinaa seenaa gara qabeenyaatti; hambaa gara duudhaatti jijjiire”- Obbo Tamasgeen Xurunee.

‘OBN Cyber Media’ Guraandhala 03,2018 Paartiin Badhaadinaa mata duree “...

Haaromsi Aadaa injifannoo Oromoo ceesisudha!

‘OBN Cyber Media’Guraandhala 01,2018 Oromoon sadarkaa gaanfa Afrikaatti saba guddaa...

“Imalli badhaadhinaa hawaasa keenya diinagdeen gahoomsa”-Obbo Namarraa Bulii.

‘OBN Cyber Media’ Amajjii 29,2018 Imalli badhaadhinaa hawaasa keenya aara...

“Buusaa Gonofaan duudhaa namoomni ittiin calaqqisiifamuufi jireenyi guyyuu ittiin qajeelfamudha”-PMNO obbo Shimallis Abdiisaa.

Oromoon falaasama sirna Gadaa ijaareen jaarmiyaalee seeraafi sirnaan guutamanii...