Misooma miidhagina dabalee dhiphina karaa hambisuun hundaafuu karaa ta’e.

Date:

Koriidariin iddoo murtaa’e( geographical loction) kan qabatu ta’ee,tarsiimoo diinagdee  guddisuu ykn misooma addaa hojjachuuf akeekamee  qabamudha.

Yaad-rimeen “Misooma koriidarii magaalaammoo, magaalota gidduutti   misoomawwan bu’uuraa ijoofi daandii geejjibaa misoomsuurratti xiyyeeffate kan hojjetamudha.Koriidariin daandii guddaa, sarara baaburaa, wiirtuuwwan diinagdee ta’an,naannoo mana jireenyaafi industirii walqunnamsiisan of keessatti hammata.

Kaayyoonsaas, sochii guddina hawaas-dinagdee waL simataa jajjabeessuu, daldalaaf haala mijataa uumuu,iddoo bashannanaa mijeessuu, kenniinsa tajaajila geejjibaa fooyyessuu,  misoomawwan bu’uuraa babal’isuufi invastimantii hawwachuufi.

 Misoomawwan koriidarii magaalootaa Itiyoophiyaan eegaltes, bifa qalbii namootaa hawwatuun  Magaala Finfinneetti jalqabuun goleewwan kaanittis finiinaa jira.

Finfinneen Wiirtuu teessoo Gamtaa Afrikaa, Komiishinii Diinagdee Afrikaa, Wiirtuu ittisaafi to’annoo dhibeewwanii Afrikaa, Teessoo Imbaasiiwwan Biyyoota adda addaa  akkasumas magaalaa guddoo biyyaati.

Finfinneen tarree  magaalota jireenyaaf filatamoo jedhaman keessatti akka hiriirtuufis hojiin misooma koriidarii eegalame jijjiirama fidaa jira.

Erga misoomni koriidarii eegalee as miidhaginni  finfinnee badheerra nama hawwata.  Ta’us warreen yaadamichatti hin quufne qeeqa roobsuunis darbee darbee dhagahama.

Ministirri Muummee  Itiyoophiyaa Dr.Abiyyi Ahmad, dhimma koriidarii yommuu yaannu  wanti yaannuufi gaafannu gatiin fayyaa meeqadha, namni tokko dhimma fayyaa isaa madaala kamiin shallaga jedhan.

Magaalaa miilaan keessa deemuun hin danda’amne  roobni xiqqoon yoo roobe  fooliinsaa jiraattoota  dhibeef saaxilu keessatti namni akkamitti bakka qulqullina qabu keessa oolee buluu fi daa’imman isaa keessatti guddifachuuf dhama’a, akkuma ofiisaaf qulqullina  barbaadu magaalaanis akkasuma qulqulliu ta’uu qaba jechuun ibsan.

Haaluma kanaan , magaala jiraattoota isiitiif mijaattuu uumuuf misoomni koriidarii dhimma filannoof dhiyaatu akka taanes kaasan.

Hojii Misooma Koridarii Magaalaa Finfinnee guddummaa Itoophiyaa mul’isuuf qajeelummaadhaan hojii eegalame ta’us  eeran Dr. Abiy.

Qe’ee jireenya namaatiif mijattu, jiraattonnis  rakkoo tokko malee  miilan akka imalan, bakka namni taa’ee waa dubbisu, xiinxaluufi haara itti galfatu mijeesuuf hojiin kun akka eegales himan.

Magaalaa Finfinnee maqaa ”misooma koriidarii” jedhuun daandiiwwan gurguddoo magaalattii haaressuu fi babbareechuu, daandii lafoo babal’isuu, iddoowwan haara galfii babal’isuu fi ibsaawwan daandiirraa akkasumas sararoota teelee haala ammayyaan diriirsuu erga eegalamees bubbuleera.

miidhaginna magaala finfinnee eeguu fi magaala keenna miidhagduu fi abaaboo goonaa yoo jennu, misoomawwan bu’uraa guutuun  babal’isuu, miidhagsuu , balfarraa bilisa gochuu ,ibsaa haaromsuu qofa osoo hin taane , carraa haawasni fayyadamoo itti ta’u bal’inaan uumuudha, jedhan Kaantibaan Magaala Finfinnee Aadde Adaanech Abeebee.

kanaanis misoomni koridariin yoo hojjatamu miidhagina magaalatti dabaluun cinaatti  carraan hojii bal’inaan  uumuu eeran. misoomni koridarii magaalaa finfinnee marsaan 2ffaanis haala gaariirra jira.

Kan tibbana tajaajilaaf qophaa’e keessaas kooriidariin Garaajii Anbassaa – Jaakroos – Addabaabayii Gooroo isa tokko kan  jedhan kantiibaa Adaanech Abeebee , misooma koriidarii kanaan  daandii km 4 , daandii lafoo km 8, daandii saayikilii km 4,  hojjetamuu himan.  daandii lafoo baay’ee bal’adha namni akka barbaadetti socho’a, iddoo tapha daa’imanni , paarkiingii konkolataafi ibsaa gahaanis jiraachuu kaasan.

misooma koriidarii daandii kanneenii wanti adda isaa godhu bizinasiiwwaan  xixxiqqaa hedduutu jira, bizinasiwwaan kanneen misoomaaf jecha hin kaafne, duubatti qofa siqsinee kan haaromuu qabu haaromsinee biizinasiin itti hojjatama jira, carraan hojii bal’anis uumameera jedhan.

Finfinnee tan kaleessa miti dhiiroo akka ilillii birraatti miidhagdee ibsanis halkani guyyaa keessa laboobee mul’ata, fageenyarras nama waamti. Misoomni Magaalaa Finfinnee kaleessa tureefi har’a irra jirtu wal bira qabame yoo ilaallamu waaqaf lafa, osoo kaleessa akkana taate sila tarree magaalota afrikaa miti tana addunyaatu ta’uu dandeetti nama jechisiisa. Misooma magaala finfinnee qalbii  namoota hedduu qabachuun dhaabbileen miidiyaa biyyaa keessaafi ala walirraa fudhanii gabaasa jiru. Kun jijjirama guddadha.

Goleewwan Afrikaa iddoo hawata turiziimiif ta’uun misan keessattis ramadama jirti. Iddoowwan hawwatoo jedhamanis misoomsuun turistoota kan hawwattu taanaan galii isii dabala. Akkuma Finfinnee kanatti Magaalonni Afriikaa  hawwatamummaafi qulqullina magaalotaaf  xiyyeeffannaa kennuun lammilee isaaniifis  iddoo  jireenyaaf filatamoo  akka tahaniif  hojjataa jiru.

Akka Ragaan  lakkoofsa farajootaa 2024 Gareen Qorannoo Ikonomiksii Global Liveability Index fi barruun dhimma dinagdee fi daldalaa afrikaa irratti hojjatu Capmad bahe muldhisutti,  Magaalota afrikaa qulqulluu fi miidhagduu jedhamuun 1 hanga 10tti sadarkeeffaman  keessaa Magaalaa guddoo Ruwaandaa- Kigaalii, Kan Afrikaa Kibbaa- Keep Taawon, Kan Tuuniziyaa -Tuunis-, Magaala Gudditti Moorishiyaa-Port Luwiis – Magaalaa Guddittii Afrikaa Kibbaa- Johaannesbarg-, Bootswaanaa- Gaborooni-, Naamibiyaa-Wiindhook, Keeniyaa- Naayiroobii-, Gaanaa-Kumasii fi Taazaniyaa -Dare Salaam- magaaloota kenneen wal duraa duubaan magaaloota afrikaa  qulqullina fi miidhaginna qaban jedhamuun tarreeffamaniiru.

Ulaagaa magaalonni kunneen ittiin sadarkeeffamanis tasgabbii qabaachuu, sirna fayyaa fooyya’aa, aadaa , naannoo qulqulluu akkasumas waliin gahiinsa  barnootaa fi misoomawwaan  bu’uuraa ilaalcha keessa galchuudhaani jedhame.

Magaala finfinnees misoomni koriidarii keessatti eegalame miidhagni isii yeroo amma qalbii biyyoota fi namoota hedduu booji’e kanaan tarree magaaloota miimmidhagoo fi qulqulluu ta’uu isii shakki hin qabu. Madiinaa Daddafoon

LEAVE A REPLY

Please enter your comment!
Please enter your name here

Share post:

Subscribe

spot_imgspot_img

Popular

More like this
Related

Dubartootaafi Dippilomaasii

‘OBN Cyber Media’ Waxabajjii 17,2018 Humna bishaanii mala dubartii siif...

“Paartiin Badhaadhinaa seenaa gara qabeenyaatti; hambaa gara duudhaatti jijjiire”- Obbo Tamasgeen Xurunee.

‘OBN Cyber Media’ Guraandhala 03,2018 Paartiin Badhaadinaa mata duree “...

Haaromsi Aadaa injifannoo Oromoo ceesisudha!

‘OBN Cyber Media’Guraandhala 01,2018 Oromoon sadarkaa gaanfa Afrikaatti saba guddaa...

“Imalli badhaadhinaa hawaasa keenya diinagdeen gahoomsa”-Obbo Namarraa Bulii.

‘OBN Cyber Media’ Amajjii 29,2018 Imalli badhaadhinaa hawaasa keenya aara...