”Raawwiin hojii keenyaa ariitii, baay’inaafi qulqullinaan hojjechuun madaalama” -Dr. Abdullaaziz Daawud.

Date:

OBN Cyber Media Amajjii 28,2017-Raawwii hojii yeroo yeroon ilaalaa deemuun hojii hojjetamu saffisiisuun waadaa uummataaf galame aadessuu bira darbee karoora imala badhaadhinaa milkeessuu keessatti qooda olaanaa qaba.

Bu’uuruma kanaan Mootummaan Naannoo Oromiyaa raawwii hojii kurmaana 2ffaa kan bara 2017 Adaamaa Galma Abbaa Gadaatti qorachaa jiruun ciminaaleefi muuxannoo gaggaarii hojii keessatti argaman caalmaatti itti fufsiisuun hanqinaaleef rakkoo hojii keessatti mul’atan qorannaa kanaan maksuun kallattiin gara fuulduraa karoora xiiqii qabame milkeessu ni kaa’ama jedhamee eegama.

Mootummaan Naannoo Oromiyaa raawwii hojii ji’oottan jahan darbanii kan bara 2017 ariitii, baay’inaafi qulqullinaan hojjechuun galma barbaadame bira ga’uufi ga’uu dhiisuu kan madaalu ta’uu Itti gaafatamaan Waajjira Pirezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa Dr. Abdullaaziz Daawud raawwii hojii paartiifi mootummaa Naannoo Oromiyaa qoratamaa jiru illaalchisuun ibsaniiru.

Karoorri bara 2017 karoora xiiqii jedhamee yeroo qophaa’u hojiiwwan misoomaafi inisheetiviiwwan garaagaraa bara darbe jalqabaman babal’isuufi lafa qabsiisuun hawaasa biratti akka aadeeffataman taasisuurratti xiyyeeffachuun kan qophaa’e ta’uu ibsaniiru.

Fayyadamummaa hawaasaa gama maraan mirkaneessuuf ariitii, baay’inaafi qulqullinaan hojjatamaa turuu kaasuun, haala kanaan hojiin ji’oottan jahan darbanii yoo madaalaman Godinaa Godinatti garaagarummaan haa jiraatu malee waliigalaan sadarkaa gaariin kan ilaalamu ta’uu dubbataniiru.

Hojii hojjannu keessatti oomishaafi oomishtummaan keenya gabaa addunyaarratti dorgomaa akka ta’uuf oomishatti sona dabaluun hojii xiyyeeffannoo olaanaa argatee hojjatamaa ture ta’uu eeran, keessattuu industirii Godoo jennee oomishoota qonnaarratti sona dabaluudhaan gatii gaarii akka baasan gochuuf hojiin Magaalaafi baadiyyaatti hojjatamaa ture abdachiisaa ta’uu himaniiru.

Mootummaan Naannoo Oromiyaa kenna tajaajilaa fooyyessuuf kutannoon hojjachaa jiraachuu himuun, rakkoo gama kanaan jiru furuuf caasaa Gandaa bifa haaraan gurmeessuun tajaajilli hawaasatti akka dhiyaatuufi hojiin hojjatamu kamiyyuu teeknolojiitti gargaaramuun hojjatamuu akka qabu kallattiin kaa’amee hojii hojjatamaa tureenis fooyya’iinsi gaariin jiraachuu dubbataniiru.

Gamaggama hojii paartiifi mootummaa baatiiwwan jahan darbanii kanaanis hanqinaafi cimina mul’atan adda baasuun irratti waliigallee harcaatii hojii keessatti mul’atan yeroo itti aanu keessatti sirreeffannee karoora keenya milkeessuuf araarama tokko malee kutannoon kan hojjatamu ta’uus ibsaniiru.BKNO

LEAVE A REPLY

Please enter your comment!
Please enter your name here

Share post:

Subscribe

spot_imgspot_img

Popular

More like this
Related

Dubartootaafi Dippilomaasii

‘OBN Cyber Media’ Waxabajjii 17,2018 Humna bishaanii mala dubartii siif...

“Paartiin Badhaadhinaa seenaa gara qabeenyaatti; hambaa gara duudhaatti jijjiire”- Obbo Tamasgeen Xurunee.

‘OBN Cyber Media’ Guraandhala 03,2018 Paartiin Badhaadinaa mata duree “...

Haaromsi Aadaa injifannoo Oromoo ceesisudha!

‘OBN Cyber Media’Guraandhala 01,2018 Oromoon sadarkaa gaanfa Afrikaatti saba guddaa...

“Imalli badhaadhinaa hawaasa keenya diinagdeen gahoomsa”-Obbo Namarraa Bulii.

‘OBN Cyber Media’ Amajjii 29,2018 Imalli badhaadhinaa hawaasa keenya aara...