Murtoowwan Yaa’ii Hoggantoota Gamtaa Afrikaa irratti murteeffaman dantaa biyyaalessaa Itiyoophiyaa kan kabajan akka ta’u qophiin barbaachisaan raawwatamuu, Gamtichatti ergamaan dhaabbbataa Itiyoophiyaa Aambaasaaddar Nabiyaat Tadlaa beeksisan.
Yaa’iin Idilee 46ffaa Mana Maree Hojii Raawwachiiftuu Gamtaa Afrikaa Guraandhala 5 fi 6/2017, Yaa’iin Hoggantoota Gamtaa Afrikaa 38ffaan immoo Guraandhala 8 fi 9/ 2017 Finfinneetti taa’ama. Gamtaa Afrikaatti Itti aanaan bakka bu’aa dhaabbataa Itiiyoophiyaa Ambaasaaddar Nabiyyuu Tadlaa dhimma kana ilaalchisuun TOI waliin turtii taasisaniin; Itiyoophiyaan yaa’icha waan keesumeesituuf, dhaabbilee tajaajila kennan irraa eegaltee milkaa’ina isaaf qophii gahaa taasisuu himaniiru.
Keessattuu yaa’ii kanaan hojii magaalaa Finfinnee jiddugala turizimii taasisuuf hojjetama jiru cimsuu fi maqaa gaarii magaalichaa guddisuuf carraa guddaa waan ta’eef itti fayyadamuuf karoorfamuu eeraniiru. Gama biraatiin Itiyoophiyaan akka biyya miseensa gamtichaa tokkootti ajandaawwan yaa’icha irratti dhiyaatan dantaa biyyaalessaa ishee akka mirkaneessan ni hojjetti jedhaniiru.
Murtoowwaan yaa’ii kanarratti murteeffaman dantaa biyyaalessaa Itoophiyaa wajjin kan walsiman akka ta’uuf hirmaannaa cimaan kan taasifamu ta’uu himanii; kanaafis qophiin gahaan taasifamuu ibsaniiru. Yaa’ii Gamtaa Afrikaa bara kanaa irratti filannoon Dura Taa’aa Komishinii Gamtichaa fi Komishinaroota dabalatee ajandaawwan gurguddoon hedduu ni dhiyaatu jedhamee eegama. Ergaa ijoon yaa’icha irratti dhihaatu Afriikaanonni miidhaa humnoota alaatiin irratti raawwatameef beenyaa fi haqa akka argatan gamtaan dhaabbachuun barbaachisaa ta’uu ibsaniiru. Ajandaawwan ijoo Yaa’ii 37ffaa Gamtaa Afrikaa irratti dhihaate bu’uura godhachuun dogoggora darbe irra aanuuf Afriikaanonni miidhaa koloneeffannaa, Appaartaayidii fi loogii caasaatiin isaan mudate tarsiimoodhaan adda baasuu fi furuu qabu jedhaniiru. Afrikaanonni rakkoo isaan mudate ifatti beekuu fi sanadaan qabachuun adeemsa haqaa fi beenyaa argachuu keessatti tarkaanfii jalqabaati jedhaniiru. Gama beenyaatiin deeggarsa invastimantii fi faayinaansii, itti gaafatamummaa idil-addunyaa, misooma aadaa, mirga abbummaa lafaa, hojii hubannoo hawaasaa fi kanneen biroonis jiraachuu akka qaban himaniiru. TOI





