Hojii Itiyoophiyaan misooma turizimiirratti raawwatteefi milkaa’insaa

Date:

yaadamatu waadaan dhufe,  waadaanis gochaan dhugoomee siidaa dhalootaa ta’uurraa darbee adduunyaa ijaafi qalbii hawwate.  Imala aja’ibsiisaa  damee Turizimiin Itiyoophiyaan waggaa shanan har’aa tokkoo jettee jalqabdee har’a firii baasee ija godhate lammiilee biyya keessaarraa darbee gurra adduunyaayyuu bu’eera.

Itiyoophiyaan Afriikaarraa damee turizimiin guddina aja’ibsiisaa galmeessiteetti jedha ragaan dhaabbata Biyyoota gamtoomanii.

Itiyoophiyaan Afriikaa keessaa biyya lakkoofsi turistootaa  daran itti dabalee keessaa hangafa taatee jirti jedha ragaan damee  Turizimii dhaabbatichaa. ‘Itiyoophiyaatti  bara faranjootaa dabarsine  bara 2024’tti lakkoofsi turistootaa harka 40 dabaleera.

Gowwaan  bishaan keessaa dhaabatee dheebotaa akkuma jedhamu waggoota muraasan dura qabeenyi uumamaa uuman uumamaan biyyattii badhaase   callisaanii taa’aa turan.osoo miidhaganii mul’atanii iccitiin miidhagina isaan keessa jiru  garuu namatti mul’achaa hin turre.

waggaa shanii asitti garuu xiyyeeffannoo akka biyyaatti damee turizimiif kennameen iddoowwan hawwata turizimii qofa osoo hin taane iddoowwan ijaafi funyaan namaaf hin tolleefi  baroon baatee iddoo namoonni yoo bira gahan aaraan osoo hin taane aaraa itti galfatan  ta’e.

Hojiin    damee turizimiin pirojektii maaddiin biyyaaf, maaddiin dhalootaaf akkasumas maaddiin shaggarii fi kan  biroon hojjataman har’atti addunyaa ofiitti waamaa jiru.

Oromiyaarraa Wanciifi Beenuunaaan, Naannoo Amaaraarraa Gorgoraan, kibba lixa Itiyoophiyaarraa loojiin Arbaa cabaraa curcuraafi Halaalaa Kellaan miidhaganii ifanii mul’atu.

Paarkiin Inxooxoo, Paarkiin Tokkummaafi  Paarkiin Michoomaa miidhagina  magaalaa Finfinnee calaqqisuun cinatti agarsiisftuu  dandeetti yaada gochatti jijjiruuti.

Hojiin damee turizimiin biyyattiin  hojjatte kunis ijji addunyaa Itiyoophiyaarraa akka  bu’u  godheera.

Gabaasni dameen turizimii  dhaabbata biyyoota gamtoomanii baase akka mul’isutti Itiyoophiyaan Afriikaa keessaa biyya lakkoofsi turistootaa  daran itti dabalee keessaa hangafa.

dhaabbatichi waliigala dameen turizimii weerara ‘covid-19’n booda kan dandamate ta’uu kan ibse yoo ta’u ALA bara 2024’ttis jijjiramni aja’ibsiisaan kan itt galma’e ta’uus eereera.

Guddinni  turizimii kun biyya baha giddugaleessaa Kuwaataar   tarree jalqabaarraa kaa’eera.

Itiyoophiyaan Afriikaa keessaa Morokkoofi Ijiptiin caaluun biyya bara 2024’tti lakkoofsi turistootaa harka 40 itti dabalee  ta’uun  tokkoffaarratti argamti.

Galiin  damee kanarraa argamuu dinagdee biyyattii utubuu keessatti qooda olaanaa qabaataa.

LEAVE A REPLY

Please enter your comment!
Please enter your name here

Share post:

Subscribe

spot_imgspot_img

Popular

More like this
Related

Dubartootaafi Dippilomaasii

‘OBN Cyber Media’ Waxabajjii 17,2018 Humna bishaanii mala dubartii siif...

“Paartiin Badhaadhinaa seenaa gara qabeenyaatti; hambaa gara duudhaatti jijjiire”- Obbo Tamasgeen Xurunee.

‘OBN Cyber Media’ Guraandhala 03,2018 Paartiin Badhaadinaa mata duree “...

Haaromsi Aadaa injifannoo Oromoo ceesisudha!

‘OBN Cyber Media’Guraandhala 01,2018 Oromoon sadarkaa gaanfa Afrikaatti saba guddaa...

“Imalli badhaadhinaa hawaasa keenya diinagdeen gahoomsa”-Obbo Namarraa Bulii.

‘OBN Cyber Media’ Amajjii 29,2018 Imalli badhaadhinaa hawaasa keenya aara...