Gochoonni xixiqqoo jennee raawwataa oollu jireenya keenya keessatti jijjiirama amalaa guddaa akka fidan hangam beekna laata?

Date:

“Iccitiin milkaa’ina keetii bu’aa raawwii kee guyya guyyaa keessaa argama” jedhe barreessaa beekamaan Joon Maaksiwel.

Gochi xixiqaan ooltee bultee dhala namaarrratti dhibbaa fidaa gaafa jedhamu qoosaa fakkaachuu mala. Kitaabni Atomic Habits kan James Clear barreesse waa’ee amala namaa waan hedduu barsiisa.

 Akka Gabaasa goodreads fi the guardian tti , kitaabni kun Koppiin hedduun raabsamuun ummata miiliyoona 15 ol harka ga’ee dubbifamee, namoota kuma shantamaa ol ta’an irratti ammoo bu’aa qabatamaa agarsiiseera.

Gabaasni weebsaayitii Independentirratti ba’e akka mul’isutti, barreessaan tokko kitaaba Atomic habits dubbisuun amala gaarii dur hin qabne akka horate gammachuun himachuu ibsa.

Gabaasni barruu product hunt ammoo namtichi araadaan rakkachaa ture, kitaaba kana dubbisee amala isaa akka jijjiirrate himeera.  

 Barreessitoonni beekammoon akka Ryan Holiday fi Adam Grant kitaabichi akkaataa dhalli namaa amala gaarii horachuun jijjiirama barbaadamu bira akka ga’u waan akeekuuf namuu dubbisuu qabaa akeekan.

Duuba kitaabni kun waa’ee amalaa maal jedhe laata jechuun keessan hin oolu. Atomic Habits kitaabni James Clear barreesse kun , bu’aa amala gaarii guddaa argamsiisuuf, gocha xixiqqoodha jennee fudhannu irra deddeebiin raawwachuurratti xiyyeeffata.

 Bu’aan amalaa guddaan kan argamu carraaqqii gurguddaa gochuun miti, jijjiirama xiqqaa walitti fufiinsaan raawwatamuun yeroo dheeraa keessa jijjiirama amalaa guddaa fiduutu danda’ama jedha.

“Guyyaatti amala kee irratti jijjiirama harka 1% fooyyessuu yoo dandeesse, dhuma waggaatti amala barbaaddu sana harka 37 fooyyessuu dandeessa kan jedhe barreessichi, jijjiirama xixiqqaa yeroo hunda walitti fufuun agarsiisuun yeroo dheeraa keessatti fooyya’iinsa guddaa barbaadamu irra ga’uuf tooftaa gaarii ta’uu eere. Kitaaba kana boqonnaa 9 irratti yeroo dheeraa keessa akkamiin amalli barbaadan akka ijaaramu fakkeenyaan hima.

Yeroo tokko lammii Hangaarii maqaan ‘Laszlo Plgar’ jedhamutu barsiistuu dargaggeettii ‘Klara’ jedhamtuuf xalayaa barreesse.

‘Polgar kilaaraa’dhaaf yaada dhiyeesseen gaa’ela erga ijaarratanii booda ilmaan waliin horatan irratti yaalii tokko yaaluus eyyama ishee gaafate.

Itti walii galani. Ijoolleen isaanii tapha cheeziitiin sadarkaa addunyaatti warra jiru jedhaman akka ta’aniif karoorsanii, Waaqnis ilamaaniin isaan eebbisee, ijoollee dubaraa sadii Suusaan, Soofiyaa fi Juudiit godhatan.

Kutaan ijoollee kanneenii suuraa taphattoota cheezii beekamoon kan guutame ture. Wanti tapha cheeziif isaan gargaaru ijoollummaarraa waan guutameefiif daa’imummaadhumaan cheeziitti harka hiikkatan. Ijoollummaarraa eegalee hanga dardarummaa jiruun isaanii cheezii haasa’uu qofa ture.

Yeroo ga’eessa ta’anii boodas akkuma ijoolleen Dibaabaa atileetiksii Itiyoophiyaa keessatti seenaa addaa ol keewwatan, Polgar Sisters mootii cheezii ta’uun leellifaman.

Addumaan Juudit ammoo bara 1976 tti taphattuu cimtuu yeroo maraa cheezii ta’uun raajii hojjette. Seenaan kun qaxalee ta’uun kennaa dhalootaa akka hin taane muli’sa jedha ‘James Clear’. Qaxalummaan adeemsa keessa kan dhufu amala gaarii guddifachuun, leenji’uufi barachuudhaan ta’uus dhugoome. “Amalli kee egeree keef murteessaadha” jedhe barreessaa Jaak Kaanfiild. Kana hubachuun Jiruufi jireenya keessatti milkaa’ina barbaadan bira ga’uuf, amala gara sanatti nama guddisu dagaagfachuun dirqama ta’uus barreeffamni Kitaaba Atomic Habits irraa qalbeeffanne ni mul’isa. Henook Baqqalaatu qindeesse.

LEAVE A REPLY

Please enter your comment!
Please enter your name here

Share post:

Subscribe

spot_imgspot_img

Popular

More like this
Related

Dubartootaafi Dippilomaasii

‘OBN Cyber Media’ Waxabajjii 17,2018 Humna bishaanii mala dubartii siif...

“Paartiin Badhaadhinaa seenaa gara qabeenyaatti; hambaa gara duudhaatti jijjiire”- Obbo Tamasgeen Xurunee.

‘OBN Cyber Media’ Guraandhala 03,2018 Paartiin Badhaadinaa mata duree “...

Haaromsi Aadaa injifannoo Oromoo ceesisudha!

‘OBN Cyber Media’Guraandhala 01,2018 Oromoon sadarkaa gaanfa Afrikaatti saba guddaa...

“Imalli badhaadhinaa hawaasa keenya diinagdeen gahoomsa”-Obbo Namarraa Bulii.

‘OBN Cyber Media’ Amajjii 29,2018 Imalli badhaadhinaa hawaasa keenya aara...