Home Barnoota Afaanota biyya keessaa

Afaanota biyya keessaa

0
OBN Hagayya 14/2016:– Biiroon Barnootaa Magaalaa Finfinnee Yuunivarsiitii Barnootaa Kotobee waliin ta’uun hojiirra oolmaa afaan barnootaa lammaffaarratti mari’ate.
Biiroon Barnootaa Magaalaa Finfinnee kanaan duras Yuunivarsiitii Barnootaa Kotobee waliin ta’uun barattoonni Afaan Amaaraatiin afaan hiikkatan, Afaan Oromoo dabalataan akka baratan akkasumas kanneen Afaan Oromootiin Afaan hiikkatanis Afaan Amaaraa dabalataan akka barataniif qoratanii turan.
Qorannichis barataan tokko afaanota sadiin barachuu qaba akeeka jedhu kan bu’uureffate waan ta’eef kaabineen Bulchiinsa Magaalaa Finfinnees raggaasisuun hojiirra oolcheera.
Barattoonni afaanota garaa garaatiin barachuun isaaniis hariiroo hawaasaafi maatii cimsuu, aadaa walii beekuufi biyya ijaaruuf gumaacha jabaa qabaachuutu eerame.
Hogganaan Biiroo Barnootaa Magaalaa Finfinnee Dr. Zalaalam Mulaatuu, rakkoowwan afdaneessummaa danqan qorachuun qooda fudhattoota waliin qindoominaan furuuf kan hojjetan ta’uu himan.
Dhiheessii galteewwan barnootaafi rakkoolee biroo mudatan furuufis ni hojjetama jedhan. Manneen barnootaa sadarkaa lammaffaa keessattis kallattii ministeerri Barnootaa kaa’een afaanota biyya alaa keessaa Afaan Arabaafi Faraansi barsiisuuf filatamuu ibsan.TOI
Odeeffannoon wayitaawaa bakka jirtanitti akka isin qaqqabuuf fuula miidiyaa hawaasaa OBN irraa argachuu yoo feetan:
Feesbuukii OBN Afaan Oromoo: http://facebook.com/OBNAfaanoromo
Feesbuukii OBN Horn of Africa : https://www.facebook.com/OBNHornofAfrica
Feesbuukii OBN Afaan Amaaraa:- http://facebook.com/OBNAmharic
Feesbuukii OBN Afaan Ingilizii:- http://facebook.com/OBNEnglish
Yeroo hunda waan nu waliin jirtaniif ulfaadhaa.
OBN Sagalee Uummataa

NO COMMENTS

LEAVE A REPLY

Please enter your comment!
Please enter your name here

Exit mobile version