“Gamtaan Afrikaa fayyadamummaa ardichaa mirkaneessuuf hojjetaa jira.” Mahaammad Alii Yusuuf

Date:

‘OBN Cyber Media’ Adoolessa 21,2018

Walga’ii Idileen 49ffaa Hojii Raawwachiiftuu Gamtaa Afrikaa Finfinneetti taa’amaa jira.

Walga’ichis mata duree ‘Galmoota Ajandaa 2063 milkeessuuf, dhiyeessii bishaanii itti fufiinsa qabuu fi sirna eegumsa qulqullinaa (saniteeshinii) mirkaneessuu” jedhuun taa’amaa jira.

Taa’aan komiishinii Gamtaa Afrikaa Mahaammad Alii Yuusuuf walga’icharratii ergaa dabarsaniin Gamtaan Afrikaa fayyadamummaa ardichaa mirkaneessuuf hojjetaa jira jedhan.

Har’as rakkooleen xiyyeeffannoo barbaadan ardicha qoraa jiraachuu ibsan.

Afrikaan gahee dhaabbilee idil addunyaa keessatti qabaachuu qabdu akka argattuu fi fayyadamummaa haqa qabeessummaarratti xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuus eeraniiru.

Sirna baniinsaa kanarratti haasaa kan godhan, Ministirri Dhimma Alaa Itiyoophiyaa Geediyoon Ximootiwoos (PhD), addunyaan dorgommii siyaasaa, qormaatilee teeknooloojii, dhiibbaa jijjiirama qilleensaafi falmii qabeenya uumamaa cimaa keessa galtee jirti jedhan.

Yeroo kanatti dinagdeen biyyoota Afrikaa saffisaan guddachaa jiraachuu kan eeran Geediyoon Ximootiwoos (PhD), bara kana qofa biyyoota addunyaa irratti guddina dinagdee saffisaa galmeessan keessaa 8 Afrikaa irraa ta’uus ibsan.

Afriikaan jaarraa 21ffaa keessatti injifannoofi guddina dinagdee ol’aanaa galmeessaa jirtuun iddoo olaanaa qabachuu ishees kaasaniiru. Imaammatafi tarsiimoo hoggansaa cimaa yeroon gaafatu Afrikaa keessatti bal’isuufi cimsuu akka barbaachisus Geediyoon Ximootiwoos (PhD) eeraniiru.

Walga’ii guyyoota lamaaf turu kanarratti Ministiroonni dhimma alaa Gamtichaa fi bakka bu’oonni olaanoon dhimmoota deeggarsaa fi misoomaa ardichaa hirmaachaa jiru.

LEAVE A REPLY

Please enter your comment!
Please enter your name here

Share post:

Subscribe

spot_imgspot_img

Popular

More like this
Related

Warshaan baala shaayii Oromiyaa dhugoomaa jira.

'OBN Cyber Media' Adoolessa 21,2018. ‎Inisheetiiviin misooma baala shaayii Naannoo...

“Itiyoophiyaan rakkoolee waloo Afrikaa hiikuuf kutannoo cimaa qabdi.”Ambaasaaddar Nabiyaat Geetaachoo

‘OBN Cyber Media’ Adoolessa 21, 2018 Itiyoophiyaan walitti hidhamiinsa mootummoota...

“Africa Must Become a Strategic Actor in a Changing Global Geopolitical Landscape” :Dr. Gedion Timothewos

OBN Cyber Media -July 28, 2026Ethiopia's Minister of Foreign...

Towards connecting humankind with its origins via Africa’s ultra-modern airport.

OBN CYBER MEDIA July 25,2026 Ethiopian Airlines Mega-airport is envisaged...