‘OBN Cyber Media’ Waxabajjii 19 ,2018
Dippilomaasiin ashaaraa magariisaa kunuunsa naannoo eeguun biqiltuu dhaabuun cinatti, akka meeshaa hariiroo Idil-addunyaa, qilleensa mijataa qaxanaa biyyootaa keessatti mirkaneessuuf guddaa gumaacha.
Akkuma Bosonni Addunyaa guddichi Amaazoon Ardii Ameerikaa Kibbaa Biraazil keessatti irra jireessaan argamu Somba addunyaa jedhamu, hojiin Itiyoophiyaan biyya ishee keessatti biqiltuu dhaabuun hojjettu biyyattiirra darbee addunyaafu qoricha.
Itiyoophiyaan qabeenya uumamaa misoomsuu, eeguufi kunuunsuu daangaa ishee keessatti raawwachuun dhiibbaa jijjiirama qilleensaan dhufu hir’isuuf hojii hojjetaa jirtuun dabalataan biqiloota Biyyoonni ollaas akka dhaabaniif kennuufiin dippilomaasii Ashaaraa magariisaa cimsaa jirti.
Hojiin ashaaraa magariisaa Itiyoophiyaan hojjetaa jirtu, waloomaafi ollummaa daraan cimsaas jira.
Dippilomaatonni biyyoota garagaraa Finfinnee jiraatan, misooma ashaaraa magariisaa irratti hirmaachuun, hariiroo biyyoonni isaanii Itiyoophiyaa waliin qaban caalaatti akka cimuuf gargaareera.
Itiyoophiyaan hojii ashaaraa magariisaatiin ofirra darbuun biyyoota ollaa kanneen akka Jibuutii, Keeniyaa, Somaaliyaa, Sudaan Kibbaafi Sudaan dabalatee biyyoota biroofis gumaachiteetti.
Kanaanis ashaaraan magariisaa Itiyoophiyaaf dippilomaasii guddaa ta’ee tajaajilaa jira.
Rakkoo jijjiirama qilleensaa Addunyaa mudataa jiruuf wabii ta’uuf sagantaa ashaaraa magariisaa Itiyoophiyaan bara 2011 irraa eegalteen biqiltuun biiliyoona 48 ol dhaabamuun, Itiyoophiyaan addunyaarraa fudhatamummaa guddaa argatte.
Hojiin kun dhaabbilee Idil addunyaa biraatti dinqisiifannaa guddaa argachaa jira.
Kanaanis Dhaabbanni Nyaataafi Qonnaa Addunyaa fi dhaabbileen biroo hojii Ministirri Muummee Abiyyi Ahmad (PhD) misooma ashaaraa magariisaa irratti hojjetaniif beekamtii fi badhaasa adda addaa kennaniifiiru.
Ashaaraan magariisaa kutannoo mootummaafi hirmaannaa lammiilee Itiyoolhiyaan hojjetamaa jiru biyyoota biroofis muuxannoo gaarii ta’aa jira.
Kana malees, Gaanfa Afrikaa keessatti dhimma jijjiirama qilleensaarratti ejjennoo walfakkaatu uumuu keessatti gahee guddaa gumaacheera.
Kun ammoo Itiyoophiyaaf damee dippilomaasii isa olaanaa ta’ee tajaajilaa jira.
Hojiin dippilomaasii ashaaraa magariisaatiin hojjetamaa jiru faayidaa dinagdeefi eegumsa naannootiif qofa osoo hin taane, dhageettii Itiyoophiyaa addunyaarratti ol kaaseera.
Ministeera Qonnaafi Maddeen biroo wabeeffanne.







