“Gaaffiin geejjiba qilleensarraa yeroo dheeraaf gaafataa turre, dhagahamuutti gammanneerra.” Abbaa Gadaa Gujii Jaarsoo Dhugoo.

Date:

‘OBN Cyber Media’ Amajji 28,2018

Buufanni xiyyaaraa Shaakkisoo Diidoolaa ijaaramuu jalqabuun gaaffiin keenya yeroo dheeraa deebi’uutti gammanneerra jedhan, jiraattonni Godina Gujii.

Abbaan Gadaa Gujii Jaarsoo Dhugoo, Gujiin qabeenya ofiif ta’uurra darbee biyyaafuu ooluu osoo qabuu sirnoota darban keessa xiyyeeffannoo hin argatiin turus amma deebii argachuu jalqabeera jedhan.

Buufanni xiyyaaraa kun ijaaramuun diinagdee keenya si’eessaa kan jedhanimmoo Abbaa Gadaa Gujii Hokkuu Gannaalee Aagaati.

Jiraattonnis gaaffiin isaanii yeroo dheeraa deebi’uutti gammaduu himuun, caalaatti onnatanii misoomarratti akka hirmaatan kan isaan si’eessu ta’uus dubbatan.

Buufanni xiyyaaraa ijaaramuun diinagdeesaaniis kan utubu akka ta’e ibsuun, misoomawwan bu’uuraa biroo mootummaan isaaniif hojjetus kan tumsan ta’uu himan.

Habtaamuu Mokonnintu gabaase

LEAVE A REPLY

Please enter your comment!
Please enter your name here

Share post:

Subscribe

spot_imgspot_img

Popular

More like this
Related

Warshaan baala shaayii Oromiyaa dhugoomaa jira.

'OBN Cyber Media' Adoolessa 21,2018. ‎Inisheetiiviin misooma baala shaayii Naannoo...

“Itiyoophiyaan rakkoolee waloo Afrikaa hiikuuf kutannoo cimaa qabdi.”Ambaasaaddar Nabiyaat Geetaachoo

‘OBN Cyber Media’ Adoolessa 21, 2018 Itiyoophiyaan walitti hidhamiinsa mootummoota...

“Gamtaan Afrikaa fayyadamummaa ardichaa mirkaneessuuf hojjetaa jira.” Mahaammad Alii Yusuuf

‘OBN Cyber Media’ Adoolessa 21,2018 Walga'ii Idileen 49ffaa Hojii Raawwachiiftuu...

“Africa Must Become a Strategic Actor in a Changing Global Geopolitical Landscape” :Dr. Gedion Timothewos

OBN Cyber Media -July 28, 2026Ethiopia's Minister of Foreign...