Baatii Onkoloolossaa kanarraa eegalee qorraafi bubbeen hammaachuu akka malu raagame.

Date:

‘OBN Cyber Media’ Onkoloolessa 12,2018 Baatii Onkoloolossaa kanarraa eegalee qorraafi bubbeen hammaachuu waan maluuf hawaasni ofeeggannoo gochuu akka qabu raagame.

Raagni Meetirooloojii akka akeekutti taateen haala qilleensaa yeroo ammaa mul’atu Laalinaa salphaa kan jedhamu yoo ta’u, ganamaafi galgala qorri akka baay’atu gochuurra darbee bubbees hammeessuu mala jedhan, Inistitiyuutii Meetirooloojii biyyoolessaatti Ogeessi Wiirtuu Tajaajila Meetirooloojii Damee Bahaafi Giddugaleessaa Oromiyaa obbo Abdiisaa Hirkoo.

Qorraafi buubbeen darbee darbee uumamus dhibeewwan daddarboof haala mijeessuu waan maluuf hawaasni ofeeggachuu qaba jedhan.

Dhukkuboota qilleessaan daddaarbaniif haala mijataa uumuu akka danda’u kan ibsan obbo Abdiisaan, hawaasni haala uffannaafi nyaataa isaaf xiyyeeffannoo kennuu qabaas gorsan.

Kanamalees midhaan bilchaate salphaatti gogsuuf faayidaa akkuma qabu midhaan hin geenyerraa jidhinsa hir’isuun gubuu malaas akeekan

. Godinaalee Oromiyaatti garaagarummaan jiraatus iddoowwaan roobni caamaa jirutti midhaan hin bilchaanne firii akka godhatu gochuurra darbee iddoo oomshni gahettimmoo walitti qabuuf haala mijataa akka uumamus ibsaniiru.

Baay’isaa Moltootu gabaase

LEAVE A REPLY

Please enter your comment!
Please enter your name here

Share post:

Subscribe

spot_imgspot_img

Popular

More like this
Related

Warshaan baala shaayii Oromiyaa dhugoomaa jira.

'OBN Cyber Media' Adoolessa 21,2018. ‎Inisheetiiviin misooma baala shaayii Naannoo...

“Itiyoophiyaan rakkoolee waloo Afrikaa hiikuuf kutannoo cimaa qabdi.”Ambaasaaddar Nabiyaat Geetaachoo

‘OBN Cyber Media’ Adoolessa 21, 2018 Itiyoophiyaan walitti hidhamiinsa mootummoota...

“Gamtaan Afrikaa fayyadamummaa ardichaa mirkaneessuuf hojjetaa jira.” Mahaammad Alii Yusuuf

‘OBN Cyber Media’ Adoolessa 21,2018 Walga'ii Idileen 49ffaa Hojii Raawwachiiftuu...

“Africa Must Become a Strategic Actor in a Changing Global Geopolitical Landscape” :Dr. Gedion Timothewos

OBN Cyber Media -July 28, 2026Ethiopia's Minister of Foreign...