Teeknoloojii addunyaan yeroo ammaa hidhate gonfateetu hojiitti gale.

Date:

Utubaalee warraaqsa dinagdee Oromiyaa keessaa tokko.

Iddoon hundeffamasaa handuura Oromiyaa Finfinneerraa gara Dhihaatti fageenya KM 78 ta’urratti argama.

Lafa heektaara 109 irratti diriiree ijaarsaafi teeknoloojiin miidhagee mul’ata.

Abbootii qoodaa kuma shaniin ALA bara 2017 kan bu’uureffame yoo ta’u, ijaarsi hojiisaa ALA bara 2019’tti eegale.

Ijaarsumasaarraa eegalee lammilee beekumsaafi humnaan dalaganii bulan hedduuf biddeen baaseera. Yeroo ammaas marsaan jalqabaasaa guutummaatti xumuramuun oomisha eegaleera. Waggaattis Biiraa liitira miiliyoona 300 humna oomishuun hojii eegale. Kaappitaallisaa yeroo ammaas birrii biiliyoona 22 ta’a.

 ‘Hojii marsaa jalaqabaadhuma kanaan Kaappitaalasaa gara biiliyoona 30’tti  guddisuuf hojjeta jedhan, Manaajerri pirojektii Warshaa Dhugaatiiwwan Keenyaa Injiner Afawarqi Leggesee.

Warshaan dhugaatii keenyaa bu’aa bahii keessa darbuun yeroo itti bu’aan isaa dhadhamamurra gaheera.

Hawaasa naannoo 300 hammateera. Dinagdee hawaasa iddoo itti hundaa’ee si’eesseera.

Qonnaan bultoota kuma 60-kuma 70’f iddoo galtee oomishaa ta’eera.

Funchasaa dabalatee namoota kuma 100 oliif carraa hojii uuma.

Itiyoophiyaa keessaa kaampaanii isa guddaa jedhamuun eeraman keessaati.

Hojii kanarras muuxannoon hojii olaanaan argameera jedhame.

Uummannis oomisha warshaasaa kan ta’e kanatti fayyadamuun tumsuu akka qabu, Hoji gaggeessaa olaanaan Warshaa dhugaatii keenyaa injiner Afawarqi Leggesee dhaaman. Marsaa 2ffaanis Bishaanii[ carbonate water], cuunfaa, Aannaniifi Biqila Biiraa oomisha. Waggaattis dandeettii Biiraa oomishuu eegale dabalatee walumatti dhugaatii Liitira miiliyoona 600 qixeessa jedhan Manaajerri pirojektii Warshaa Dhugaatiiwwan Keenyaa Injiner Afawarqi Leggesee.   Taaddelee Iddoosaan

LEAVE A REPLY

Please enter your comment!
Please enter your name here

Share post:

Subscribe

spot_imgspot_img

Popular

More like this
Related

Warshaan baala shaayii Oromiyaa dhugoomaa jira.

'OBN Cyber Media' Adoolessa 21,2018. ‎Inisheetiiviin misooma baala shaayii Naannoo...

“Itiyoophiyaan rakkoolee waloo Afrikaa hiikuuf kutannoo cimaa qabdi.”Ambaasaaddar Nabiyaat Geetaachoo

‘OBN Cyber Media’ Adoolessa 21, 2018 Itiyoophiyaan walitti hidhamiinsa mootummoota...

“Gamtaan Afrikaa fayyadamummaa ardichaa mirkaneessuuf hojjetaa jira.” Mahaammad Alii Yusuuf

‘OBN Cyber Media’ Adoolessa 21,2018 Walga'ii Idileen 49ffaa Hojii Raawwachiiftuu...

“Africa Must Become a Strategic Actor in a Changing Global Geopolitical Landscape” :Dr. Gedion Timothewos

OBN Cyber Media -July 28, 2026Ethiopia's Minister of Foreign...