‘Google’ Asxaa isaa haaressuufi

Date:

‘OBN Cyber Media’ Caamsaa 09, 2017- Google waggaa 10’n booda Asxaa isaa haaressuuf akka jiru beeksise.

Adoolessa tokko bara 2015 yeroo jalqabaaf Google loogoo/Asxaa amma itti fayyadamaa jiru kana kan ifoomse

Google Asxaa ‘G’ kana qubee guddaadhaan barreesse.

Kunis fayyadamtoonni haala salphaan akka hubataniifi fayyadaman yaadameti.

Yeroo ammaa immoo asxaan kun bifa chatbot isaanii ‘AI assistant’ wajjiin akka wal simuuf jedhamee jijjiiramaa jira jedhameera.

Jijjiiramni kun torban kana fayyadamtoota IOS fi Android irratti kan mul’ate yoo ta’u, fooyya’insi appii haaraa kun ‘fooyya’iinsa raawwii hojii’ of keessaa qabas jedheera Google.

Asxaan kun maamiltoota isaa amanamoof kara keessaa dhiyaatee harki guddaan akka jaallatan hime Google.

Fooyya’insi ammaa karaalee Google search, Maps, Gmail, Chrome fi kanneen biroo keessatti calaqqisa jedhe.

Waan hunda caalu Asxaan keenya ammaa kun salphaa, kan hin fakkeeffamne, halluu miidhagaa itti yaadnee jijjiirre jedha dhaabbatichi.

Dhuma irrattis Dhaabbatichi Maamiltootni koo hundi akka itti gammaddan abdiin qabna jedheera. METRO irraa odeeffanne.

LEAVE A REPLY

Please enter your comment!
Please enter your name here

Share post:

Subscribe

spot_imgspot_img

Popular

More like this
Related

Warshaan baala shaayii Oromiyaa dhugoomaa jira.

'OBN Cyber Media' Adoolessa 21,2018. ‎Inisheetiiviin misooma baala shaayii Naannoo...

“Itiyoophiyaan rakkoolee waloo Afrikaa hiikuuf kutannoo cimaa qabdi.”Ambaasaaddar Nabiyaat Geetaachoo

‘OBN Cyber Media’ Adoolessa 21, 2018 Itiyoophiyaan walitti hidhamiinsa mootummoota...

“Gamtaan Afrikaa fayyadamummaa ardichaa mirkaneessuuf hojjetaa jira.” Mahaammad Alii Yusuuf

‘OBN Cyber Media’ Adoolessa 21,2018 Walga'ii Idileen 49ffaa Hojii Raawwachiiftuu...

“Africa Must Become a Strategic Actor in a Changing Global Geopolitical Landscape” :Dr. Gedion Timothewos

OBN Cyber Media -July 28, 2026Ethiopia's Minister of Foreign...