Hojiin Itiyoophiyaan waggoota jijjiiramaa as misooma bunaarratti hojjette sadarkaa addunyaatti beekamtii argate.

Date:

‘OBN Cyber Media’ Guraandhala 17,2017-Dhaabbanni dhuunfaa ‘Kerchanshe Group’ [Gareen Qarcaanshee] bunaa oomishuufi qindeessuun hanga alaatti erguu immoo haala gama kanaan miijatetti fayyadamuun hooggansi dhaabbatichaa, dhaabbata teessoo isaa biyyaa Ingilizii godhaterraa “Africa Leadership Award Bulletin” fudhateera.

Beekamtiin kunis buna karaa ammayyaan misoomsuu warshaa keessatti sona itti dbaluun qindeessuufi qulqullinaan gabaa addunyaaf dhiheessuun ta’uun eerameera.

Garichi dhaabbata lafa invastimantiin fudhate teeknooloojiin “deep irrigation” fayyadamuun eeggatumma rooba irra bilisa ta’uun omishaa bunaa kan ammayyeesseefi beeksise yoo ta’u, qonnan bultoota bunaa dhiyeessan 65,000 ol waliin amanumman kan hojjetudha.

Yeroo ammaa dhaabbilee akka biyyaatti addaa durummaan buna omishuu fi alaatti erguun sharafaa biyyaa alaa fida jira akkasumas umurii yeroo gabaaba keessatti carraa hojii bal’aa uumeera jedhame.

Hojii ija qabuufi milkaa’aa ta’e kana raawwachuuf kutannoon hooggannuu hundeessaafi Pirezidaantiin Gareen Qarcaanshe Obbo Israa’eel Dagafaa immoo gumaacha olaanaa bahuutu himame.

Kanaanis Obbo Israa’eel hoggansa kalaqaan deeggarame kennuun waggoota kurnaan darbaniif akka biyyaatti namoota dhuunfaa buna misoomsuun beekaman keessaa walitti aansuun 1ffaa bahuun beekamtii argataa turan.

Bara kanas dhaabbanni teessoo isaa biyyaa Ingilizii taasifate “Africa Leadership Award Bulletin” jedhamu Obbo Israa’eel misooma bunaarratti hooggansa cimaa kennuun gahumsa isaan argarsiisan hogganaa jabaa bara 2024 jedhuun sagantaa badhaasaa Morookoo magaalaa Kaasaabilankaatti Qophaa’eirratti badhaaseera.

Ministirri Muummee Dr.Abiyyi Ahmadis tibba darbe hojii Obbo Isiraa’el teknooloojii ammayyaatti fayyadamuun buna misoomsaa jiran daawwachuun hedduu itti gammaduufi muuxannoo babal’achuu qabu ta’uu akeekuun isaanii ni yaadatama.

LEAVE A REPLY

Please enter your comment!
Please enter your name here

Share post:

Subscribe

spot_imgspot_img

Popular

More like this
Related

Warshaan baala shaayii Oromiyaa dhugoomaa jira.

'OBN Cyber Media' Adoolessa 21,2018. ‎Inisheetiiviin misooma baala shaayii Naannoo...

“Itiyoophiyaan rakkoolee waloo Afrikaa hiikuuf kutannoo cimaa qabdi.”Ambaasaaddar Nabiyaat Geetaachoo

‘OBN Cyber Media’ Adoolessa 21, 2018 Itiyoophiyaan walitti hidhamiinsa mootummoota...

“Gamtaan Afrikaa fayyadamummaa ardichaa mirkaneessuuf hojjetaa jira.” Mahaammad Alii Yusuuf

‘OBN Cyber Media’ Adoolessa 21,2018 Walga'ii Idileen 49ffaa Hojii Raawwachiiftuu...

“Africa Must Become a Strategic Actor in a Changing Global Geopolitical Landscape” :Dr. Gedion Timothewos

OBN Cyber Media -July 28, 2026Ethiopia's Minister of Foreign...