Abbaan Gadaa Booranaa Kuraa Jaarsoo galma dhawaa dhaamsaa dongoree goorootti dhaamachuuf jilachaa jiru

Date:

OBN Cyber Media Guraandhala 03,2017-Abbaan Gadaa Booranaa Kuraa Jaarsoo waggaa saddeettan gooroo gadoomaa geggeessaa ture xumurachuun galma dhawaa dhaamsa dongoree goorootti dhaamachuuf jilachaa jiraachuu himan.

Yaa’ii Gadaa Arbooraafi Koonnituu Godina Boorana Bahaa Aanaa Areeroo Ardaalee Jilaa Dhaddacha Dambala Buleefi Guutootti Galma Dhawaa Dhaamsaa Dongoruun Jilachuu eegale.

Galmi dhawaa dhaamsaan booda baalliif jiloottan kan biraa akka hin jirreefi dhaamsa tika aadaa tolfamuu qabu dhaamuuf kan jilatan ta’uu, Abbaan Gadaa Yaa’a damee Koonnituu Boruu Diimaa dubbatan.

Jilti galma dhawaa dhaamsaa kun waggoottan sadeettan yaa’ii Gadaa sadeen Booranaa Gooroo geggeessutti xumura jilaa dhamsa gooroo ilmaanii, warra baallii fuudhuufi Booranaa dhaaman ta’uu, Abbaan Gadaa Kuraa Jaarsoo himani.

Yaa’ii Gadaa sadeen Booranaa 71ffaan Doorii Guyyoo Boruu Gadaa 72ffaa haaroomsaan boodaatti dabarsanii Baalli kennuuf jiloottan garaagaraa jilachaa turuu Itti gaafatamaan Waajjira Aadaafi Turizimii Godina Boorana Bahaa Obbo Boruu Galgaloo himan.

Xumura galma dhawaa dhaamsaatti aannee Baallii Gadaaf bultiin muraasi hafuu, Obbo Boruun himanii Oromootaafi Sabaaf sablammoonni Itoophiyaaa jila irratti akka hirmaatan yaamicha dabarsan.

LEAVE A REPLY

Please enter your comment!
Please enter your name here

Share post:

Subscribe

spot_imgspot_img

Popular

More like this
Related

Warshaan baala shaayii Oromiyaa dhugoomaa jira.

'OBN Cyber Media' Adoolessa 21,2018. ‎Inisheetiiviin misooma baala shaayii Naannoo...

“Itiyoophiyaan rakkoolee waloo Afrikaa hiikuuf kutannoo cimaa qabdi.”Ambaasaaddar Nabiyaat Geetaachoo

‘OBN Cyber Media’ Adoolessa 21, 2018 Itiyoophiyaan walitti hidhamiinsa mootummoota...

“Gamtaan Afrikaa fayyadamummaa ardichaa mirkaneessuuf hojjetaa jira.” Mahaammad Alii Yusuuf

‘OBN Cyber Media’ Adoolessa 21,2018 Walga'ii Idileen 49ffaa Hojii Raawwachiiftuu...

“Africa Must Become a Strategic Actor in a Changing Global Geopolitical Landscape” :Dr. Gedion Timothewos

OBN Cyber Media -July 28, 2026Ethiopia's Minister of Foreign...