Maalummaafi faayidaa Aannan Gaalaa

Date:

Meeqa keessantu aannan jaalata laata? Aannan keessahoo aannan Gaalaa dhugdanii beektu, Oromoo Karrayyuu biratti  aannan Gaalaa  faayidaa hedduu qaba.

Oromoon waan qabeenyi ittiin beekamu hedduu keessa tokko loon ykn horiidha.

Oromoon loon ni jaalata, ni horsiisa, ni faarsas, aannan isaa immoo ni unata.

Dur qabeenyi namaa, hamma horii qabuufi saawwan elmatuun adda baha ture.

Amma sababoota adda addaan haalli kun jijiiramaa dhufus.

Oromoo Karrayyuu biratti looniin cinatti gaalli hiika addaa qaba

oolte bulteen Oromoo Karrayyuu Gaala waliin hariiroo cimaa qaba.

Waa itti fe’achuuf, aannan isaa dhuguuf Karrayyuun Gaalatti dhimma baha. ofii aannan loonii maaliif dhugama laata?

Aannan Gaalaa akka aannan loonii raafame baaduu ykn dhadhaan hin bahu, isa kanatu adda godha akka namoonni aannan Gaalaa kana hedduminaan fayyadaman jedhanitti.

Uummata Karrayyuufi gaala adda baasuun hin danda’amu. Ijoollees ta’an warri gurguddaan hundinu wal qixxee gaala jaalatu.

Annan isaas nama dhandhameetu faayidasaa beeka.

Dr. Kadiir Hajii Roobaa, Yuunivarsiitii Haramayyatti barsiisaafi qorataa sirna nyaataati.

Aannan Gaalaa qofa osoo hin taane aannan mataan isaayyuu gosa nyaata filatamaa fi qabiyyee guddaa of keessaa qabu ta’uu kan himan Dr. Kadir, aannan Gaalaa immoo faayidaa hangana hin jedhamne qabaachuu dubbatu.

Akka Dr. Kadir jedhanitti aannan Gaalaa kun fayyaaf faayidaa qabaachuun cinatti namoota dhibee sukkaara qabaniifillee bu’aa  qabaachuu himaniiru. Habtaamuu Mokonniniin

LEAVE A REPLY

Please enter your comment!
Please enter your name here

Share post:

Subscribe

spot_imgspot_img

Popular

More like this
Related

Warshaan baala shaayii Oromiyaa dhugoomaa jira.

'OBN Cyber Media' Adoolessa 21,2018. ‎Inisheetiiviin misooma baala shaayii Naannoo...

“Itiyoophiyaan rakkoolee waloo Afrikaa hiikuuf kutannoo cimaa qabdi.”Ambaasaaddar Nabiyaat Geetaachoo

‘OBN Cyber Media’ Adoolessa 21, 2018 Itiyoophiyaan walitti hidhamiinsa mootummoota...

“Gamtaan Afrikaa fayyadamummaa ardichaa mirkaneessuuf hojjetaa jira.” Mahaammad Alii Yusuuf

‘OBN Cyber Media’ Adoolessa 21,2018 Walga'ii Idileen 49ffaa Hojii Raawwachiiftuu...

“Africa Must Become a Strategic Actor in a Changing Global Geopolitical Landscape” :Dr. Gedion Timothewos

OBN Cyber Media -July 28, 2026Ethiopia's Minister of Foreign...