Qarqarri Hara Dambal misoomuun caalaatti daawwattoota hawataa jira.

Date:

‘OBN Cyber Media’ Amajjii 14, 2017-Itiyoophiyaan biyya sabaafi sablammootaa akkasuma biyya aadaafi duudhaa danuuti.

Ayyaanonni ummataa dirreerratti kabajaman immoo miidhagina addaa dabalu. Ayyaanoonni aadaafi amantii dirreerratti kabajaman kannneen akka Masqalaa, Irreecha, Cambalaalaa, Cuuphaafi, Ramadaanni hirmaattota miiliyoonaan lakkaa’aman hirmaachisuurra darbanii wayita ammaa hawata turizimiillee ta’aa jiru.

Ayyaanni cuuphaa waggaa waggaan Magaalaa Baatuutti kabajamuu bishaan Hara Dambal irratti ta’uun ammoo qalbii nama booji’a.

Yabaloonni hiricha irraa asiifi achii deddeebi’an adduunyaa biraa bira nama geessu. Keessuma erga turizimiif xiyyeeffannoon kenname qarqarri Hara Dambal misoomee as lakkoofsi namoota iddoo kana daawwatanii dabalaa dhufu dubbatu jiraattoonni magaalaatti haala duraan ture yaadachisu.

Harri dambal qarqara Magaalaa Baatuutti argamu kun magaalaattiif siimboo addaa dabaleera.

Tuuristoota yeroo kaan Qabeenya uumaan uumamaa badhaase kanaan booji’amanii daawwataniin cinatti ayyaanni Cuuphaa Hara Dambaliifi odolota achirratti argaman irratti kabajamuu ayyaana Cuuphaa gara biraatti kabajamuurraa adda isaa taasisa.

Kunimmoo lammiilee biyya keessaa dabalatee lammiileen alaas garasitti imalanii akka daawwatan gochaa jira. Hara Dambal qabeenya uumaa uumamni magaalattii badhaaseen cinatti ayyaanni Cuuphaa qarqaraafi odolota haricharratti argaman keessatti kabajamuun eebba dachaa dachaati.

Kana immoo gara galiitti jijjiruun karoora turizimiin akka biyyatti qabame galma ga’uuf  carraa guddaadhajedhan, Kantiibaa Magaalaa Baatuu Obbo Ahimaddin Usma’el.

Qabeenya uumamaa uumaan badhaaseetti sona dabalanii tottolchaanii, bareechanii caalaatti ijaafi qalbii namaa akka hawatu gochuun galii guddaatu irraa argama. Itiyoophiyaanis damee turizimii kanaaf xiyyeeffannoo kennuun itti milkaa’a jirti.Habtaamuu Makonnintu gabaase.

LEAVE A REPLY

Please enter your comment!
Please enter your name here

Share post:

Subscribe

spot_imgspot_img

Popular

More like this
Related

Warshaan baala shaayii Oromiyaa dhugoomaa jira.

'OBN Cyber Media' Adoolessa 21,2018. ‎Inisheetiiviin misooma baala shaayii Naannoo...

“Itiyoophiyaan rakkoolee waloo Afrikaa hiikuuf kutannoo cimaa qabdi.”Ambaasaaddar Nabiyaat Geetaachoo

‘OBN Cyber Media’ Adoolessa 21, 2018 Itiyoophiyaan walitti hidhamiinsa mootummoota...

“Gamtaan Afrikaa fayyadamummaa ardichaa mirkaneessuuf hojjetaa jira.” Mahaammad Alii Yusuuf

‘OBN Cyber Media’ Adoolessa 21,2018 Walga'ii Idileen 49ffaa Hojii Raawwachiiftuu...

“Africa Must Become a Strategic Actor in a Changing Global Geopolitical Landscape” :Dr. Gedion Timothewos

OBN Cyber Media -July 28, 2026Ethiopia's Minister of Foreign...