Achii baanaan akka qoonqoof toltutti qixeessuu gaafata.

Date:

Ooltee bulteen qurxummii bishaan keessa; achii baanaan akka qoonqoof toltutti qixeessuu gaafata.

‘OBN Cyber Media’ Amajji 08,2017- Gaafa waaddiishee nyaatanis lafeenshee xixiqqoo waan ta’eef mammaaksa yoo abbaan ofeege waaqni nama eega jedhaniin walsima.

Lagni Awaash misooma jallisiitiin sadarkaa jalqabaarratti jajamus qurxummii mala aadaatiin toora Qooqaatti hortu malee baroota dheeraaf qurxummii mala ammayyaan horsiisuutti osoo hin madaqiin tureera.

Foon qurxummii duraan bakka biraarraa gara Adaamaatti geejjibsiifamee nyaatamaa tures amma horsiifamuu jalqabeera.

Jiraataa Magaalaa Adaamaa kan ta’e dargaggoo Tewodiroos Haayiluu ogummaa qabutti gargaaramuun bishaan laga Awwaash duraan dambali’ee darbaa ture jallisuun qurxummii gosa Telaapiyaa jedhamu kuma dhibba 1 ol horsiisaa jira.

Dargaggoo Tewodroos dabalataanis akaakuuwwan biroo galchuun akkuma magaalonni akka Baatuu, Hawaasaafi Baahirdaar qurxummiin beekaman Adaamaas tarreessaanii hiriirsuuf akeeka qabaachuu hime.Baayisaa Moltootu gabaase.

LEAVE A REPLY

Please enter your comment!
Please enter your name here

Share post:

Subscribe

spot_imgspot_img

Popular

More like this
Related

Warshaan baala shaayii Oromiyaa dhugoomaa jira.

'OBN Cyber Media' Adoolessa 21,2018. ‎Inisheetiiviin misooma baala shaayii Naannoo...

“Itiyoophiyaan rakkoolee waloo Afrikaa hiikuuf kutannoo cimaa qabdi.”Ambaasaaddar Nabiyaat Geetaachoo

‘OBN Cyber Media’ Adoolessa 21, 2018 Itiyoophiyaan walitti hidhamiinsa mootummoota...

“Gamtaan Afrikaa fayyadamummaa ardichaa mirkaneessuuf hojjetaa jira.” Mahaammad Alii Yusuuf

‘OBN Cyber Media’ Adoolessa 21,2018 Walga'ii Idileen 49ffaa Hojii Raawwachiiftuu...

“Africa Must Become a Strategic Actor in a Changing Global Geopolitical Landscape” :Dr. Gedion Timothewos

OBN Cyber Media -July 28, 2026Ethiopia's Minister of Foreign...