Foduu Ijaaruu

Date:

Cidha Buttaa qaluu gadaa Karrayyuu dhiheenya raawwatamerratti sirnoonni aadaa garaa garaa gageeffamuun gadaan karrayyuus gurra addunyaa ga’eera.

Sirnoona jajjaboo tuutni gadaa michillee cidha buttaa qaluu raawwachuun tuuta gadaa Duuloo/Halchiisaaf Irreessa kenne keessatti raawwataman keessaa warra jilaafi namoota gumaata kennuuf hirmaatan simachuu mala kan jedhanurratti mari’achuun galma 37 ijaaranii, horii 37’s cidha kanaaf kuffiisaniiru.

Oromoon Karrayyuu hawaasa horii horsiisuun bultiisaa qajeelfatee har’a ga’eefi sirni gadaa isaas hormaataan adda kan hin baanedha.

Cidha gadaa karrayyuu miilanaarrattis hormaataaf milkii qajeelchuuf sirni Foduu ijaaruu raawwatameera. Foduunimmoo kan ijaaramu dhoqqee loonii lafarra hafuun hiddii irra kakkaa’uuni. Kunis eebbaafi jaalala loonii ibsa jedhan, miseensonni Gadaa Michillee. Foduun kan ijaaramu dursa dhakaa lafarra afuun, birattis dhoqqee loonii naqu. Dhakaan lafarra afame kunis Irsii jedhama. Irsiirras loontuu irra ba’a. Irsii hiree keenya nuuf hirii jechuun waaqa hormaataafi horii nu hin dhowwatiin, horiin keenya margaafi bishaan hin dhabiin nagaan nuuf bobbaasii nagaan nuuf galchi jedhanii horii isaaniif kadhatu. Foduu ijaarame kanarrattis warra gumaata fidan simatu. Jilli goobaa gummata waan qabuuf, kan namaaf gumaachus warra cidhicha dhufedha. Gumeessituun jalqaba moonaa horii gaditti simatamuun nyaataaf dhugaatiin dhiyaataaf. Sirna kanarratti tuuta Gadaa biratti warri uffata diimaa qomarratti uuffatan warra bokkuuti. Kunis gadaa keessatti hangafummaa agarsiisa.

 Warri qaalluu ammoo uffata gurraacha qomarratti uffatu. Qaallummaa isaanii ibsa. Miseensi gadaa Michillee Jiloo Boruu sirna foduu ijaaruun gumaatati kennama jedhan. Sirni simannaa kun qadadduu yokiin gargaaraa warra jilaatiin simaannaan erga godhameefi booda gumaata qabatanii dhufan kennanii gara moonaatti seenanii taphatu. Gumaanni kennamus Bassoo, aannnanii fi kkf qabatanii dhufu. Bassoo/Gumaata maqaaf nyaatu malee garaaf hin nyaatanis jedhu. Tuutni Gadaa Michillees warra marsaa itti aanu baallii fudhatu tuuta gadaa Duuloo goobsuuf/ bulchiinsa sirna gadaa shaakalchiisuuf sirna aadaa eeguun Irreessa eebbiseeraaf. Magarsaa Kabbadaatiin

LEAVE A REPLY

Please enter your comment!
Please enter your name here

Share post:

Subscribe

spot_imgspot_img

Popular

More like this
Related

Warshaan baala shaayii Oromiyaa dhugoomaa jira.

'OBN Cyber Media' Adoolessa 21,2018. ‎Inisheetiiviin misooma baala shaayii Naannoo...

“Itiyoophiyaan rakkoolee waloo Afrikaa hiikuuf kutannoo cimaa qabdi.”Ambaasaaddar Nabiyaat Geetaachoo

‘OBN Cyber Media’ Adoolessa 21, 2018 Itiyoophiyaan walitti hidhamiinsa mootummoota...

“Gamtaan Afrikaa fayyadamummaa ardichaa mirkaneessuuf hojjetaa jira.” Mahaammad Alii Yusuuf

‘OBN Cyber Media’ Adoolessa 21,2018 Walga'ii Idileen 49ffaa Hojii Raawwachiiftuu...

“Africa Must Become a Strategic Actor in a Changing Global Geopolitical Landscape” :Dr. Gedion Timothewos

OBN Cyber Media -July 28, 2026Ethiopia's Minister of Foreign...