Mil’uu Gaazexeessaa

Date:

Dhaabbanni Gorsaa dhimma barnootaa ‘Aim Ultra’ jedhamu  Hayyama daldalaa dhimma gorsaa irratti fudhate dahoo godhachuun, namoota biyya alaatti nan erga jechuun erga maallaqa fudhatee booda, nu gowwomse jechuu, miidhamtonni OBN’tti himan.

Finfinnee walakkatti Biiroo banatee namoota beekkamtii qabaniin beeksisaa waan tureef, yeroof dhugummaan isaa nu hin shakkisiisne jedhan.

Torbee lamaan dura komiin saamamneerra jedhu gara OBN dhaqqabnaan, nus ragaalee dhugummaa komii kanaa nuuf raggaasisan walitti qabuu eegalle.

Dhaabbanni komatame, dhaabbata gorsaa barnootaafi qindeessaa ragaa ‘‘Aim Ultra’’ jedhamu yoo ta’u, hayyama daldalaa Gorsaa dhimma barnootaa fi qindeessaa ragaa ta’uu isaa, namoota biyyattiitti beekkamtii qabaniin beeksifamaa turuu argine.

Dhaabbanni dhuunfaan ‘Aim Ultra educational Consultancy’n, dargaggoota gara biyya alatti ergee, carraa hojii akka argataniif haala nan mijeessa jechuun, kaffaltii tajaajilaaf barbaachisu  walakkaa kaffalanii, kan hafe bakka deemanitti hojjetanii akka kanfalaniif erga walii galee booda, nu gowwoomseera  jechuun, miidhamtoonni dubbatan

Magaalaa Finfinnee walakkaatti biiroo guddaa kireeffatee ifatti hojjetaa ture waan ta’eef, seera qabeessummaan isaa yeroof nu hin shakkisiisnes jedhan.

Yeroo humna qabnutti, hojjennee rakkoofi gadaadoo maatii keenyaafi nurra jiru obbaafanna jennee, maatii rakkisne, maallaqa erga  kanfallee  booda nu milaamilchaa har’a gahe jedhan.  

Biiroo isaanii jijjiiruun namoota jalaa miliquu, teessoon isaanii yoo bira gahame biirootti argamuu dhabuufi akka biiroo hin seenneef waardiyyootaan dhoorkamaa turuus kaasan.

Nutis bilbilaan namoota dhaabbata kana keessatti itti gaafatamummaa qabu jedhaman bilbilaan qunnamuuf yaallee dadhabnaan wayita qaamaan barbaacha deemneetti Biirolee kireeffatanii keessa turan jedhametti isaan argachuu hin dandeenye.Namoonni manneen itti kireessanis nutiyyuu wajjiin rakkanneerra nuun jedhan

Dhimma kana yeroo garagaraatti, qaamolee seeraa naannolee waajjirri dhabbaticha argamutti iyyannus, dhaabbata ifatti maallaqa keenya saamu dhiisanii, nu’iin akka balleessaa qabnutti nugaafataa turan jedhu miidhamtoonni

Ammas taanaan dhabbanni kun hoteelotaafi iddoo garagaraatti  hojii goyyomsaa itti fufeera waan ta’eef, dhaloonni irra akka ofeegatan dhaaman.

Mootummanis, namoota gochaa daddabarsa namootaa irratti hirmatan kanneen seeraan akka qoratuufi maallaqa keenya akka nuuf deebisiisu gafannas jedhan. OBN s dhaabbata kana irraas ta’ee caasaalee mootummaa dhimmichi ilaallatu irraa deebii argachuuf torbee lamaa oliif eegnee deebii hin arganne.  Akkuma arganneen walitti deebina. Qalbeessaa Takkaallinyitu gabaase

1 COMMENT

LEAVE A REPLY

Please enter your comment!
Please enter your name here

Share post:

Subscribe

spot_imgspot_img

Popular

More like this
Related

Warshaan baala shaayii Oromiyaa dhugoomaa jira.

'OBN Cyber Media' Adoolessa 21,2018. ‎Inisheetiiviin misooma baala shaayii Naannoo...

“Itiyoophiyaan rakkoolee waloo Afrikaa hiikuuf kutannoo cimaa qabdi.”Ambaasaaddar Nabiyaat Geetaachoo

‘OBN Cyber Media’ Adoolessa 21, 2018 Itiyoophiyaan walitti hidhamiinsa mootummoota...

“Gamtaan Afrikaa fayyadamummaa ardichaa mirkaneessuuf hojjetaa jira.” Mahaammad Alii Yusuuf

‘OBN Cyber Media’ Adoolessa 21,2018 Walga'ii Idileen 49ffaa Hojii Raawwachiiftuu...

“Africa Must Become a Strategic Actor in a Changing Global Geopolitical Landscape” :Dr. Gedion Timothewos

OBN Cyber Media -July 28, 2026Ethiopia's Minister of Foreign...