Haaromsi Aadaa injifannoo Oromoo ceesisudha!

Date:

‘OBN Cyber Media’Guraandhala 01,2018

Oromoon sadarkaa gaanfa Afrikaatti saba guddaa aadaa, duudhaa, seenaafi afaan mataa isaa qabuufi Sirna Gadaa ofiin hundeessuun ittiin bulaa turedha.

Sirna kana keessatti safuun ummataafi uumamaa, hangafaafi quxusuu, guddaafi xinnaa akkasumas duudhaan kabajamee jiraatamaa ture.

Erga sirna bittaa jalatti Oromoon kufee garuu, Sirni Gadaa laafee aadaa, duudhaafi safuun duraan turan hundi ni laaffatan.

Mootummaan Naannoo Oromiyaas, Oromoo duudhaa isaa ganamaatti deebisuuf jijjiiramaan asitti haaromsa aadaa taasisuun jijjiiramni guddaan gama hundaan argamaa jira.

Haaromsi aadaa kunis adeemsa yaadaa fi gochaa ummanni Oromoo qabu bu’uura aadaa isaa eeggachaa haalota yeroo wajjin akka walsimu taasifachuun ittiin jireenya hawaasaa qajeelchuudha.

Kunis duudhaa, safuu, afaan, ogummaa fi haala jireenya dur irraa dhufan bakkatti deebisuu qofa osoo hin taane, wantoota yeroo ammaa fi egeree tajaajilan itti ida’uun haaromsuu jechuudha.

Haaromsa aadaa yeroo jedhamu, akka waan aadaa duraan hin turre uumuutti namoonni karaa dogoggoraan hubatan ni jiru.

Haaromsi aadaa garuu haala jireenya hawaasaa ifaafi madaalawaa ta’e haala yeroo ammaa waliin gama siyaasaa, hawaasummaafi diinagdeen ijaaruun eenyummaa Oromoo cimsuu, tokkummaafi waliigaltee walii isaafi hawaasa biroo waliin qabu dagaagsuuf kan labsame dha.

Bu’aan haaromsa aadaa akka Oromiyaatti hojiirra oole kunis hawaasa keessatti jijjiirama ilaalcha gaarii, jireenya qajeelaa fi abdii egeree ifaa ta`e uuma. Aadaan haaromfame dandeettii namoonni qaban kakaasuun hojii kalaqaa, ogummaafi aadaa hojii ni jajjabeessa.

Akkasumas wal kabajaa, nageenya, haqaafi waliigaltee hawaasaas ni cimsa.

LEAVE A REPLY

Please enter your comment!
Please enter your name here

Share post:

Subscribe

spot_imgspot_img

Popular

More like this
Related

“Paartiin Badhaadhinaa seenaa gara qabeenyaatti; hambaa gara duudhaatti jijjiire”- Obbo Tamasgeen Xurunee.

‘OBN Cyber Media’ Guraandhala 03,2018 Paartiin Badhaadinaa mata duree “...

“Imalli badhaadhinaa hawaasa keenya diinagdeen gahoomsa”-Obbo Namarraa Bulii.

‘OBN Cyber Media’ Amajjii 29,2018 Imalli badhaadhinaa hawaasa keenya aara...

“Buusaa Gonofaan duudhaa namoomni ittiin calaqqisiifamuufi jireenyi guyyuu ittiin qajeelfamudha”-PMNO obbo Shimallis Abdiisaa.

Oromoon falaasama sirna Gadaa ijaareen jaarmiyaalee seeraafi sirnaan guutamanii...

“Godinni Gujii lafa keessi warqee, gubbaan warqeefi namni warqeeti.” PMNO Obbo Shimallis Abdiisaa.

Guyyaa har'aa Godina Gujii Magaalaa Shaakkisootti argamuun ijaarsa Buufata...