‘OBN Cyber Media’ Amajjii 29,2018
Imalli badhaadhinaa hawaasa keenya aara galfachiisuun, diinagdeen kan gahoomsudha jedhan, Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Oromiyaatti Ittigaafatamaan Damee Siyaasaa obbo Namarraa Bulii.
Magaalaa Aggaarootti tajaajilli Wiirtuu tokkoffaaf seektaroota digdamii afur ,tajaajila dhibba tokkoofi digdamii sagal iddoo tokkotti fiduun tajaaja kennuu eegale.
Hawaasni Magaalaa Aggaaroos tajaajilli wiirtuu iddoo tokkoo deddeebiif rakkoo waggoota dheeraa nuuf fura jedhan.
Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Aggaaroo Obbo Naziif Mahaammadamiin, tajaajilli wiirtuu iddoo tokkoo rakkoo bulchiinsa gaarii hawaasni barootaaf ittin rakkachaa ture furuuf hojii eegalamee jedhan.
Hooggantuun Biiroo Paabilik Sarvisiifi Misooma Namaa Oromiyaa Aadde Kokobee Dhidhaa, mootummaan naannoo Oromiyaa hawaasni haala salphaa ta’een tajaajila barbaadu argachuun diinagdee isaa akka guddifatuuf Kenna tajaajilaa dijitaalessuun Magaalota hunda qaqqabsiisaa jirra jedhan.
Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Oromiyaatti Ittigaafatamaan Damee Siyaasaa obbo Namarraa Bulii, imalli badhaadhinaa hawaasa keenya aara galfachiisuun, diinagdeen kan gahoomsudhas jedhan.
Tajaajilli wiirtuu iddoo tokkoo, rakkoo waggoota dheeraa furuun hariiroo mootummaa fi ummataa cimsaa jiraachuus eeran.
Komiishinarri Komiishinii Siivil Sarvisii Federaalaa Makuriyaa Hayilee (PhD), tajaajila saffisaafi qulqullina qabu kennuun, diinagdee biyyaa dijitalaan utubuun carraan hojii mirkanaa’aa jiraachuu ibsan.
Abdii Rabbumaatu gabaase.








