“Godinni Gujii lafa keessi warqee, gubbaan warqeefi namni warqeeti.” PMNO Obbo Shimallis Abdiisaa.

Date:

Guyyaa har’aa Godina Gujii Magaalaa Shaakkisootti argamuun ijaarsa Buufata Xayyaaraa Shaakkisoo jalqabsiisuu keenyan Ummata naannoo keenyaa, keessumaa Ummata naannawichaatiin baga gammaddan jechuun barbaada.

Pirojektiin kun Fulbaana bara 2019 kan xumuramudha. Ijaarsi Buufata Xayyaaraa Shaakkisoo qaama imaammata Mootummaa Jijjiiramaa Naannoo Oromiyaa, walitti hidhamiinsa samiifi lafaa naannichaa dhugoomsuti. Jijjiirama dura buufanni xiyyaaraa naannoo keenya keessatti tajaajila kennaa ture kan Jimmaa qofadha. Tarkaanfii tarsiima’aa walta’iinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaafi Garee Daandiiwwan Xiyyaaraa Itiyoophiyaatiin fudhatameen akkasumas hordoffiif deeggarsa halkaniif guyyaa taasifameen, yeroo waggaa tokkoo gadii keessatti buufataaleen xayyaaraa naannoo keenyatti tajaajila kennaan torba nigahu.

Goddinni Gujii, naannawaa Adoolaafi Shaakkisoo lafa keessi warqee, gubbaan warqeefi namni warqeeti. Bunni keessan qulqullina dabalaa waan dhufeef gatii gaarii argachaa jira; nutis wiirtuu dhamdhama bunaa banneera.

Kana malees hidhamiinsa lafaa dhugoomsuuf daandiiwwan aspaaltii hojjechaa jirra. Daandiin aspaaltii Dodolaa-Warqaa-Adoolee yeroo dhihootti ni xumurama. Shaakkisoo-Areeroo-Meeggaa hanga Moyyaalee jiru gidduuttis hidhamiinsi sirrataa jira.

Har’a ammoo buufata xiyyaaraa yeroo gabaabaa keessatti xumuramu jalqabsiisneerra. Buufanni Xiyyaaraa Shaakkisoo qaxanaa dilbii olaanaa albuudaa, qonnaa, turizimii, daldalaafi kkf qabu kana misooma si’oomaafi qabatamaa keessa kan galchuudha.

Hawaasni daldalaa, dargaggeeyyiin, beektonni, Abbootiin Gadaafi hayyoonni naannawichaa sabboonummaa ofii galmoota qabsoo Oromootiin qajeelchuu irratti gahee akka bahattan yaadachiisuun barbaada.

Milkaa’inni naannawichaa ija humna dinagdee, dorgomummaa dhalootaafi ijaarsa sirna cimaatiin ilaalamuu qaba. Hawaasni kun qabeenya umamaafi nam-tolchee isaa qaamni fedhe akka itti hintaphanne kan eeguufi kunuunsu ta’uu qaba.

Carraawwan uumamaa jiran hunda akkaataa kanaan qindeessuun magaalota Adoolaafi Shaakkisoo giddugala dinagdee guddaa Kibba Oromiyaa akka taasiftan shakkii hinqabu.

Mootummaan keenyas milkaa’ina isaatiif humna qabu maraan kan isin waliin dhaabbatu ta’uu isiniif mirkaneessuun barbaada.

Dhumarrattis, qaamolee ijaarsa kana irratti hirmaatan – Dhaabbata ‘MIDROC Ethiopia’, abbaa qabeenyichaa Sheek Mohammed Alii Allaamuddii, hojii gaggeessaa olaanaa dhaabbatichaa Obbo Jamaal Ahimad akkasumas Garee Daandiiwwan Xiyyaaraa Itiyoophiyaafi hojii gaggeessaa olaanaa garichaa Obbo Masfin Xaasoo maqaa kiyyaafi maqaa Mootummaa Naannoo Oromiyaatiin galateeffachuun barbaada.

LEAVE A REPLY

Please enter your comment!
Please enter your name here

Share post:

Subscribe

spot_imgspot_img

Popular

More like this
Related

Dubartootaafi Dippilomaasii

‘OBN Cyber Media’ Waxabajjii 17,2018 Humna bishaanii mala dubartii siif...

“Paartiin Badhaadhinaa seenaa gara qabeenyaatti; hambaa gara duudhaatti jijjiire”- Obbo Tamasgeen Xurunee.

‘OBN Cyber Media’ Guraandhala 03,2018 Paartiin Badhaadinaa mata duree “...

Haaromsi Aadaa injifannoo Oromoo ceesisudha!

‘OBN Cyber Media’Guraandhala 01,2018 Oromoon sadarkaa gaanfa Afrikaatti saba guddaa...

“Imalli badhaadhinaa hawaasa keenya diinagdeen gahoomsa”-Obbo Namarraa Bulii.

‘OBN Cyber Media’ Amajjii 29,2018 Imalli badhaadhinaa hawaasa keenya aara...