Waancaa Addunyaa bara 2034 qopheessuuf carraa kan argatte biyyi giddugaleessa Bahaa Sa’uudii Arabiyaan, magaalota 5 keessatti Istaadiyeemota 15 ijaaruuf karoorfattee hojjechaa jirti.
Biyyattiin Istaadiyeemiin ani ijaaru kan sin kanaan dura lafarraatti beektan osoo hin taane samiirrattan ijaara jechaa jirti.
Sa’uudii Arabiyaan pirojektii guddaa ‘NEOM’ kaaba Liixa biyyattii qarqara galaana diimaa, daangaa Ijiptiifi Joordaanitti dhihaatutti magaalaa ammayyaa hundeessuuf karoorfatte keessatti Istaadiyeemii ‘NEOM’ lafarraa meetira 350 ol fagaatee argamu ijaaruuf karoorfachuu beeksiste.
Istaadiyeemiin kun namoota kuma 46 qabachuu kan danda’u yoo ta’u, bara 2027 ijaarsa isaa eegaluun bara 2032 xumuruuf karoorfame.
Ijaarsa isaaf bajanni Doolaara Ameerikaa biiliyoonni tokko ni barbaachisa. Sa’uudii Arabiyaan karoora kana milkeessinaan biyya jalqabaa istaadiyeemii samiirratti ijaarte ta’uun ishee waan oolu miti. Taphoonni waancaa addunyaa bara 2034 samiirratti taphataminnaa laata? Yaada keessan nuuf qoodaa.
Girmaa Bayyanaan







