Guyyaan dubartoota Baadiyyaa Addunyaa maaliif kabajama laata?

Date:

Dubartoonni baadiyyaa jiraatan ummata addunyaa keessaa harka 22 ta’u jedha ragaan Dhaabbata Fayyaa Addunyaa.

Dhiibbaawwan siyaasaa, hawaasummaa fi Diinagdee dubartoota mogolee buusaa turan hanga tokko hir’ataa jiraatanis ammas taanaan dhiibbaa laayyoo hin jedhamnetu irra gahaa jedha Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomani.

Ta’us dubartoonni baadiyyaa dhiibbaa dandamachuun damee qonnaa keessatti gaheen qaban olaanaadha. Dubartoonni sirna fayyaa baadiyyaa keessattis gaheen isaanii guddaadha.

Akka ragaan Dhaabbata Fayyaa Addunyaa mul’isutti humna hojii eeggumsa fayyaa keessatti hirmaatan keessaa harki 67 dubartoota. Guyyaan dubartoota baadiyyaa yeroo jalqabaatiif akka lakkoofsa faranjootaa bara 2007 yaa’ii waliigalaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniin Onkoloolessi 15 guyyaa dubartoota baadiyyaa akka ta’uuf murtaa’e.

Ergasii as guyyichi gumaacha dubartoonni baadiyyaa gama hundaan qaban dhaadannoowwan adda addaan waggaa waggaan yaadatamaa oola.

Baranas dhaadannoo “Dubartoota baadiyyaa haqummaan aangessuu fi Afrikatti sirna nyaataa itti fufiinsa qabuu fi hunda hammate guddisuu” jedhuun yaadatamee oole.

Ragaan gamtaa Afriikaa akka mul’isutti, Dubartoonni Afrikaa harka 62 ta’an damee qonnaa keessatti hirmaatu. Humna waliigalaa oomishaalee nyaataa oomishuuf bahu keessaa harki 40 kan dubartootaati jedhe ragaan gamtichaa.

Ragaan Dhaabbata ‘McKinsey Global Institute’ jedhamu baase akka mul’isutti walqixxummaa dubartootaa mirkaneessuun yoo danda’ame bara faranjootaa 2025 kanatti doolaara tiriiliyoona 12 dilbii dinagdee addunyaaf dabaluu danda’a jedhe.

Dubartoonni diinagdee dhiirota waliin walfakkaatuun qixa yoo hirmaatan, GDP addunyaa waggaa hanga doolaara tiriiliyoona 28 dabalataan guddisuu akka danda’us tilmaameera.

Akka ragaan Dhaabbata Biyyoota Gamtoomani jedhutti Itiyoophiyaa qofa keessatti walqixxumma koorniyaa dubartootaa  mirkaneessuun yoo danda’ame oomisha qonnaa keessatti dilbii diinagdee doolaara miliyoona 203.5 dabaluu danda’a jedha.

Gahee dubartoonni qaban guddaa ta’us gama biraan ammoo Akka Ragaan dhaabbata hojjettoota Addunyaa (ILO) agarsiisutti hojiilee kaffaltii hin qabne, hojii mana keessaa harka 75 dubartootatu hojjata.

Hojiileen mana keessaa  kaffaltii malee dubartoonni hojjatan kunneen osoo maallaqatti  shallagamee  dilbii dinagdee (GDP)  biyyootaa keessatti gahee olaanaa akka qabullee Ogeeyyiin Diinagdee ragaa bahu.

 Keessumaa dubartoonni baadiyyaa ba’aan isaa baatan osoo kaffaltitti jijjramee akkaan guddaa jedhe dhaabbatichi.

Akka Itoophiyaattis lakkoofsa ummata biyyattii keessaa harki walakkaan dubartoota.

Haalli jiruu fi diinagdee isaaniis kanuma addunyaa kanaan walfakkaata.

Itiyoophiyaa keessattis baroota dheeraaf cunqursaa dubartoota irra gahaa tureen dubartoonni diinagdee keessatti hirmaatanii, diinagdee of gahoomsuun qormataa jabaa ture.

Gabaasni walqixxummaa koorniyaa fi dubartoota humneessuu Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii akka agarsiisutti, damee qonnaa akka biyyaatti bal’inaan hojjetamu keessatti qaawwa koorniyaarratti mul’atu hambisuun dubartoota fayyadamoo gochuun danda’amnaan namoonni miliyoona 1 ol hiyyummaa keessaa bahuu danda’u.

Yeroo ammaa garuu Itiyoophiyaa keessattis dubartoota gama diinagdee, hawaasumaa fi siyaasan aangeessu irratti hojiilee hojjatamaa jiraniin fooyyeen argamaa jira.

Dameen mootummaa, dhuunfaa, fi hawaasummaa qaawwa koorniyaa hojii fi hawaasa keessatti mul’atu cufuuf sochii gochuunis barbaachisaadha jedhame.

Wal-qixxummaan koorniyaa eegamu yoo baate  dhiibbaa xiinsammuu fi hawaasummaa fiduu qofa osoo hin taane qormaata diinagdees ta’a jedhe Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomani.

Guyyaa dubartoota baadiyyaa kana yoo kabajanu, rakkoo gama walqixxummaa dubartootaan mudatu ittisuu, dubartootaaf  beekamtii kennuu,  hirmaannaa isaanii  hawaasummaa keessatti qaban guddaa akka ta’e leellisuudhaan ta’uu qaba jedhe Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomani.

Madiinaa Daddafoon

African girls and women sorting coffee beans on coffee farm, Ethiopia, Africa. Little children are working under tables – they picking up every single coffee bean dropped accidentally by women and putting these dropped coffee beans back on the tables.

LEAVE A REPLY

Please enter your comment!
Please enter your name here

Share post:

Subscribe

spot_imgspot_img

Popular

More like this
Related

Dubartootaafi Dippilomaasii

‘OBN Cyber Media’ Waxabajjii 17,2018 Humna bishaanii mala dubartii siif...

“Paartiin Badhaadhinaa seenaa gara qabeenyaatti; hambaa gara duudhaatti jijjiire”- Obbo Tamasgeen Xurunee.

‘OBN Cyber Media’ Guraandhala 03,2018 Paartiin Badhaadinaa mata duree “...

Haaromsi Aadaa injifannoo Oromoo ceesisudha!

‘OBN Cyber Media’Guraandhala 01,2018 Oromoon sadarkaa gaanfa Afrikaatti saba guddaa...

“Imalli badhaadhinaa hawaasa keenya diinagdeen gahoomsa”-Obbo Namarraa Bulii.

‘OBN Cyber Media’ Amajjii 29,2018 Imalli badhaadhinaa hawaasa keenya aara...