Barataa Qormaata Biyyaalessaa Kutaa 12ffaan 600 keessaa qabxii 9 qofa dhabeen wal baraa.

Date:

Magaalaa Roobee Baalee kutaa Magaalaa Goobbaatti dhalate.

Daa’immummaasaatti achuma kutaa Magaalaa Goobbaa Mana barumsaa Harawa Finjaatti imala barnootaasaa eegale.

Barataa Kaalid Bashir kutaa 8ffaattis qabxii olaanaa fiduun mana barumsaa isaa keessaa seenaa hojjetee akka darbe keessa beektotarraa odeeffanne.

Kutaa 8ffaattis bara 2013 qabxii 96.7 fiduun mana barumsaa sadarkaa 2ffaa Ifa boruu Bultii Addaa Dodolaatti makame.

Kaaliid Bashiir barataa qaxalee qormaata kutaa 12ffaa akka biyyaatti dursetu addatti OBN waliin turtii taasise.

Daa’imummaa kiyyarraa waa tuttuquu jaaladhaa, beekumsa waan itti hin qabne, hiikee tuttuqa kan jedhe kaalid, Baatirii maatii dhibbaa ol kukkutee balleessuun, irratti barachuu hime.

Barataan qaxaleen Kaalid Bashiir mana barnoota Ifa Boruu Bultii addaa Dodolaatti barachuun qormaata biyyaalessaa bara kanaa Saayinsii Uumamaan qabxii 591 galmeessuu koo gaafa dhagahu, rifatuus gammachuunis natti dhagahamee jechuun OBN tti hime.

Barataan kun Afaan Ingilizzii 96, Herrega 100, Fiiziksii 100, Kemistirii 98, Baayooloojii 99, Aptiituyuud 98 walumaagalatti 600 keessaa qabxii 9 dhabuun 591 argatee akka biyyaatti 1ffaa ta’e.

Dhibbeentaan barattoota dabruu dhabaniifi qabxiin ani galmeesse, gammachuun koo akka walmaku taasisee kan jedhu kaalid, iccitiin milkaa’ina kiyyaa cimee waan hojjadheef qofa jedhe.

Barataan kaayyoo qabaachuu qaba, kaayyoof dadhabuu gaafataa, barachuun dadhabbii booda firii fida kan jedhe kaalid, milkaa’ina kaayyootiif cichoominaan hojjachuutu murteessaadha jechuun OBNtti hime.

Waanan qophaa’ee hojjadheef, qabxii kana galmeesse, gammachuu guddatu natti dhagahama, biyya kiyya teknoolojii sooftiweeriitiin guddisuu fedhaa jedhe barataa Kaalid Bashir.

Maatiifi Ollaan waayee Kaalid dubbatanis, daa’imummaa irraa nama cimaa akka ba’uu danda’u, tilmaamaa turree, kanumatu ta’ee, dubbatan.

Muhaammad Nageessoon

LEAVE A REPLY

Please enter your comment!
Please enter your name here

Share post:

Subscribe

spot_imgspot_img

Popular

More like this
Related

Dubartootaafi Dippilomaasii

‘OBN Cyber Media’ Waxabajjii 17,2018 Humna bishaanii mala dubartii siif...

“Paartiin Badhaadhinaa seenaa gara qabeenyaatti; hambaa gara duudhaatti jijjiire”- Obbo Tamasgeen Xurunee.

‘OBN Cyber Media’ Guraandhala 03,2018 Paartiin Badhaadinaa mata duree “...

Haaromsi Aadaa injifannoo Oromoo ceesisudha!

‘OBN Cyber Media’Guraandhala 01,2018 Oromoon sadarkaa gaanfa Afrikaatti saba guddaa...

“Imalli badhaadhinaa hawaasa keenya diinagdeen gahoomsa”-Obbo Namarraa Bulii.

‘OBN Cyber Media’ Amajjii 29,2018 Imalli badhaadhinaa hawaasa keenya aara...