OBN Cyber Media Hagayya 11,2017-Piriimiyeer Liigiin Ingilaandi bara dorgommii 2025/26 tapha Jimaata shaampiyooniin liigichaa Liivarpuul goolii 4 fi 2’n Boornimaawuz injifateen eegalus, deeggartoota Maanchistar Yuunaayitidiifi Arsenaaliif liigichi waan eegale itti hin fakkaanne.
Kilaboonni lamaan addunyaarraa deeggartoota hedduu qabaachuun warreen tarree jalqabaa keessatti ramadamaniidha.
Afrikaafi Itiyoophiyaa keessatti kilabiin qixa isaanii deeggaraa heddu qabu hin jiru.
Maanchistar Yuunaayitid yeroo 20, Arsenaal yeroo 13 shaampiyoonii Piriimiyeer Liigii Ingilaandi ta’uun, kilaboota seenaa kubbaa miilaa biyyattii keessatti milkii guddaa qabaniidha.
Kunis ta’ee garuu, Maanchistar Yuunaayitid erga waancaa Piriimiyeer Liigii argatee waggoota 12, Arsenaal waggoota 21 gahaniiru.
Maanchistar Yuunaayitid bara dorgommii darbe Piriimiyeer Liigii Ingilaandiin goolii 44 qofa galchee xumure, hanqina sarara fuulduraa irratti qabu furuuf Maatiyoos Kuunyaa, Biriyaan Imbeemoofi Beeniyaamiin Sheeshkoof walumatti paawondii miiliyoona 200 ol baasuun mallatteessifateera.
Ruubiin Amooriim xumura bara dorgommii darbe, fuldurri Maanchistar Yuunaayitid ifa jechuun deeggartoota kilabichaaf waadaa gale, bara 2028 garee waancaa Piriimiyeer Liigii Ingilaandi injifachuu danda’u gurmeessuuf karoorfatus, bara kanarraa eegalee garee karooricha milkeessuu danda’u gurmeessee agarsiisutu irraa eegama.
Waggoota sadan darban sadarkaa 2ffaan kan xumurame Arsenaalis, bara kana jijjiirraa taphattootaan garee ofii cimsuun dhihaateera.
Maartiin Zubimeendii, Noonii Maadu’eekee, Kiristaan Noorgaardi, Kiristaan Mosku’eeraa, Keeppaa Ariizaabaalaagaa, Viktor Yookirees Emireetisiin gahachuun garee ofii jabeesseera
Waggoota shaniifi walakkaa Arsenaal leenjiseen waancaa ‘FA’ Ingilaandi qofa kilabichaaf kan argamsiise Miikeel Arteettaan, bara kana dirqama waancaa argamsiisutu irraa eegama.
Waggoota 25 dura dhaadannoo Faargusaniifi Veengariin cinaatti, waraana sarara gidduu Paatirik Veeraafi Rooyi Kiiniif jecha addunyaa guutuutti hawwiin kan eegamu taphni Maanchistar Yuunaayitidiifi Arsenaal, kana booda Ruubiin Amooriimiifi Miikeel Arteettaan, Beeniyaamiin Sheeshkoofi Viktor Yookirees morkii sana ni deebisuu laaata?
Deeggartoonni kilaboota lamaanii tapha har’aan qofa osoo hin taane, baroota itti aanaan Viktor Yookireesiif Beeniyaamiin Sheeshkoo irraa waan guddaa eegu.
Taphani har’a galgala sa’aatii 12:30 irraa eegaluun Olditiraafoorditti taphatama.
Isin eenyutu injifata jettu? Yookireesi moo Sheeshkootu goolii galcha? Girmaa Bayyanaatu qindeesse.
#epl # ManchesterUnited# #reddevils Arsenal#thegunners






