“Yeroon barumsaa galu utuu ofii waa afaanii hin qabiin dura Handaaqqoo koo bira dhaqeen buuphaa lakkaa’a.”-Obbo Teediroos Kaasahuun.

Date:

Ilmi namaa gaafa addunyaa kanaatti dhufu hunduu qixa. Gama diinagdeen garaagarummaan uumamaa kan deemu sochii namni sun taasisuuni. Kan taa’ee jijjiirama hawwuuf iddoo taa’anitti jijjiiramni dhufuuf hin jiraatu waan ta’eef akkuma dhufetti rakkoon waxalamee addunyaa kanarraa darba.

Kan carraaqe garuu harka isaan bu’aa dadhabbiisaa dhandhama. Obbo Teediroos Kaasahuun jedhama maatii qonnaan jiraaturraa dhalate. Ijoollummaadhumaan mana Barnootaa duraafi booda hojiidhuma maatiinsaa hojjatan gargaaraa guddate.

Jireenya qonnaan bulaa xiinxalaa kan guddate Teediroos Qonni walfakkaataan qofti jireenyasaa fooyyessuu akka hin dandeenye hubate.Kanumaan cinaatti Horsiisa lukkuu eegale.Mana barnootaa oolee yeroo galuu laaqana nyaachuuf fiiga osoo hin taanee lukkuun isaa  buuphaa meeqaa akka buusteef  hubachuuni.

Erga barnoota isa yuunivaarsiitii irraa xumurees horsiisa lukkuu ammayyeessuun hojjachuu eegale. Ilaalchi hawaasa naannoo garuu hojiisaa kana kan jajjabeessu hin turre. Obbo Teediroos hojii horsiisa lukkuu kana Birrii kuma 25’n eegale.

Gaafa nama badhaasu badaas nama hin dhamaasu akkuma jedhamu hojii kana ijoollummaadhumaan xiinxalaa guddate waan ta’eef ittiin milkaa’uu danda’e. Hojii kana ammayyeessuunis Birrii miiliyoona 100 maashina ammayyaaa cuucii yaasu galche.

Qonnaan bultoonnis galii guddifachuuf waan naannoo isaanii mil’achuun carraa jiru hundatti fayyadamuu qabus jedha. Qonnan bulaan jabaatee gara invastimentiitti cehe jireenyasaa jijjiiruun murteessadhas jedha.

Ammatti Kaappitaalli Obbo Teediroos Birrii miiliyoona 200 caaluu hima. Waggaa lamaan booda garuu dachaan dabaluuf karoorfadheeras jedha. Obbo Alamayyoo Mokonniin itti gaafatamaa waajjira Invastimantiifi indaastirii magaalaa Bishooftuuti.

Hojii inisheetiivii qonnaa mootummaan labse qonnan bultoota 390 gara invastimentiitti ceesiseera jedhan.Madiinaa Beyyeneen.

LEAVE A REPLY

Please enter your comment!
Please enter your name here

Share post:

Subscribe

spot_imgspot_img

Popular

More like this
Related

Dubartootaafi Dippilomaasii

‘OBN Cyber Media’ Waxabajjii 17,2018 Humna bishaanii mala dubartii siif...

“Paartiin Badhaadhinaa seenaa gara qabeenyaatti; hambaa gara duudhaatti jijjiire”- Obbo Tamasgeen Xurunee.

‘OBN Cyber Media’ Guraandhala 03,2018 Paartiin Badhaadinaa mata duree “...

Haaromsi Aadaa injifannoo Oromoo ceesisudha!

‘OBN Cyber Media’Guraandhala 01,2018 Oromoon sadarkaa gaanfa Afrikaatti saba guddaa...

“Imalli badhaadhinaa hawaasa keenya diinagdeen gahoomsa”-Obbo Namarraa Bulii.

‘OBN Cyber Media’ Amajjii 29,2018 Imalli badhaadhinaa hawaasa keenya aara...