Haaromsi Aadaa Maaliif Barbaachise?

Date:

OBN Cyber Media Ebla 21,2017-Aadaan kan baratamu, kan qoodamu, mallattoon kan waliigalamu, amala hunda-

galeessummaa, walitti hidhamuufi amala haaromuu kan qabudha.

Biyyoonni addunyaa rakkoo gama hawaasummaa, diinagdeefi siyaasaa isaan mudataa ture hiikkachuuf yeroo gara garaatti haaromsa aadaa raawwataa turaniiru.

Biyyoonni kunis rakkoo sababa ilaalchaa, aadaafi yaadaa; haftee sirnoota darbanii buúura irraa jijjiiruun tarsiimoo bocanii diriirsuun milkaa’aniiru.

Aadaan adeemsa keessatti sababoota jijjiirama hawaasaatiin, Teeknooloojitiin, Jijjiirama adunyaa (Globalization)fi walitti dhufeenya garee gara garaatiin jijjiiramuu danda’a .Jijjiiramni kunis suuta yookiin saffisaan deemuu danda’a.

Wantootni suutummmaan yookiin saffisaan jijiirama aadaa murteessan gurguddoo keessaa inni calqabaa Kalaqaafi Teeknoolojiidha.Jiruufi jireenya ilma namaa keessatti Kalaqiniifi teeknoolojii haaraan akkaataa hawaasni ittiin walqunnamuufi hojjetu jijjiiruu danada’an keessaa kalaqa mobaayilii Ismartii aadaa qunnamtii adunyaa jijjiiruu danda’e akka fakkeenyaatti fudhachuun ni danda’ama.

Wantoota jijjiirama aadaa saffisiisan keessaa inni biroon immoo Haala Gilobalaayizeeshiiniiti.

Guddina teeknooloojii irraa ka’ee addunyaan gara ganda tokkootti dhufaa waan deemteef sababa daladalaa, investimentiifi, godaansaafi guddina miidiyaafi qunnamtii adunyaatiin walitti dhufeenyi hawaasa gara garaa dabalaa waan dhufeef dhimmootni kunniin aadaan ummata keenyaa tokko tokko akka jijjiiramaa dhufu gochuu danda’eera.  

Gama birootiin taateewwan jijjiirama aadaa hawaasa tokkootiif sababa ta’an keessaa sosochiin hawaasaa isa tokkodha. Sosochiin hawaasaa mirgaaf, walqixxummaaf, eeggumsa naannootiif taasifamu sababoota kunneen keessatti kan hammatamu ta’a.

Sababoota haaromsi aadaa akka gaggeeffamuuf dirqisiisan inni itti aanu jijiirama caaseffama diinagdeeti. Caaseffamni diinagdee qonnaa gara indaastrii ykn guddinni indaastrii tajaajilaa biyya tokkoo haala jireenya hawaasaa waan jijjiiruuf kun Aadaa hawaasaa irratti jijjiirma guddaa kanfidu ta’a.

Gama birootiin dhimmoota jijjiiramaafi Haaromsa Aadaatiif sababa kan ta’u, Barnootaafi hubannoodha. Hawaasni tokko akkuma sadarkaan dabaluun carraan namni odeeffannoof qabu dabalaa waan deemuuf ilaalchi hawaasas dubbii tokko kallattii gara garaatiin ilaaluu haalli dandeessisu uumamaa dhufa. Kun immoo sababoota Aadaa haaraan akka dhufuuf daandii saaqan keessaa tokko ta’ee argama.

Wantoota jijjiirama aadaa fidan jedhamuun beekaman inni biroon Dhiibbaa siyaasaa akka fakkeenyaatti fudhachuun ni danda’ama. Dhiibbaan siyaasaa aadaa hawaasaa jijjiiruu keessatti gahee qaba hoggaa jennus, mootummaafi Imaamatni mootummaan baasu maalummaa aadaa bocuufi haaromsuu keessatti ga’ee guddaa qaba.Mootummaan aadaa bifa riifoormitiin  bocuu danda’a.

Gama birootiin keessumaa Jaarraa keessa jirru kana keessatti Weerara Addunyaa Dijitaalaatiin walqabatee salphumatti aadaafi duudhaa hawaasa keenyaa ganamaa wantoota booressaafi jijjiiraa jiran keessaa Ogaartii aartiifi Miidiyaan akka fakkeenya guddaatti kaasuun ni danda’ama.

Og-aartiifi miidiyaan, hogbarruun, fiilmin, muuziqaafi artiin gara biroo dhiibbaa guddaa keessa galchuun namootni aadaa haaraa akka hawwan ykn bocan ga’ee guddaa qabu.

Akkuma asii olitti ilaaluuf yaalametti Aadaan waan haaromuu danda’uufi haala jijjiiramaa keessatti madaqaa deemudha. Kun immoo aadaa baratame hambisuufi haaraa fiduu jiddutti qabsoo godhamu waanta’eef akka salphaatti kan raawwatu akka hintaane huubachuun daran barbaachisaadha. Madda:-Biiroo aadaafi Turiizimii Oromiyaa


LEAVE A REPLY

Please enter your comment!
Please enter your name here

Share post:

Subscribe

spot_imgspot_img

Popular

More like this
Related

Dubartootaafi Dippilomaasii

‘OBN Cyber Media’ Waxabajjii 17,2018 Humna bishaanii mala dubartii siif...

“Paartiin Badhaadhinaa seenaa gara qabeenyaatti; hambaa gara duudhaatti jijjiire”- Obbo Tamasgeen Xurunee.

‘OBN Cyber Media’ Guraandhala 03,2018 Paartiin Badhaadinaa mata duree “...

Haaromsi Aadaa injifannoo Oromoo ceesisudha!

‘OBN Cyber Media’Guraandhala 01,2018 Oromoon sadarkaa gaanfa Afrikaatti saba guddaa...

“Imalli badhaadhinaa hawaasa keenya diinagdeen gahoomsa”-Obbo Namarraa Bulii.

‘OBN Cyber Media’ Amajjii 29,2018 Imalli badhaadhinaa hawaasa keenya aara...