Indaastirii Godoo irraa hanga Paarkiiwwan Indaastirii gurguddootti

Date:

Babal’inni Indaastirii Ijaarsa Dinagdee cimaaf!!

OBN Cyber Media Amajjii 21,2017-Guddina biyya tokkoo saffisiisuun dinagdee cimaafi hin raafamne ijaaruuf babal’achuun indaastirii gahee olaanaa qaba.

Biyyoonni diinagdee cimaa ijaarrachuun jiruufi jireenya uummatasaanii jijjiiran hedduunis damee indaastiriidhaaf xiyyeeffannaa kennuun hojjechuu isaanitiin akka ta’e seenaan biyyoota garaa garaa ni ibsa.

Itoophiyaanis jijjiiramaa as damee indaastiriidhaaf xiyyeeffannaa kennitee hojjechaa jirtuun milkaa’inoonni gurguddaa argamaa jiru.

Rifoormii damee kanaan taasifameenis paarkiiwwan indaastirii bal’inaan qopheessuun dureeyyii  biyya keessaafi alaa baayyinaan akka misoomsan ta’eera.

Mootummaan Naannoo Oromiyaas damee Indaastiriitiin haala mijaawaa naannichi qabu fayyadamuun dinagdee naannichaa dabaluuf tarkaanfii addaatiin hojii keessa galee jira.

Kanaanis Indaastirii Godoo irraa hanga Paarkiiwwan Indaastirii gurguddootti hundeessuun bu’uura jabeessuufi itti fufiinsa isaa mirkaneessuuf hojii gurguddoon hojjetamaa jiru.

Hojii damicha irratti taasifameen naannichatti guddinni damee Indaastirii bara 2013 hanga bara 2016tti jiru % 7.1 irraa gara % 10.2tti guddateera.

 Kanaanis magaalaafi baadiyyaatti carraalee hojii bal’aa uumeera. Lafti hojiiwwan misooma indaastiriif oolanis bara 2013 heektaara 30,297 yoo ta’u hanga 2016tti hektaarri 92,103 magaalaafi baadiyaatti tajaajila misooma Indaastiriif oolaniiru.

Hojii xiiyyeeffannaan itti kennamee hojjetame kanaanis meeshaalee alaa galan biyya keessatti oomishuun bakka buusuu akkasumas al ergii dabaluun sharafa alaa dabaluun dinagdeen biyyaa akka cimu ta’eera.

Dabalataanis damee kanaan carraan hojii bal’aa akka uumamu taasifameera.BKO

LEAVE A REPLY

Please enter your comment!
Please enter your name here

Share post:

Subscribe

spot_imgspot_img

Popular

More like this
Related

Dubartootaafi Dippilomaasii

‘OBN Cyber Media’ Waxabajjii 17,2018 Humna bishaanii mala dubartii siif...

“Paartiin Badhaadhinaa seenaa gara qabeenyaatti; hambaa gara duudhaatti jijjiire”- Obbo Tamasgeen Xurunee.

‘OBN Cyber Media’ Guraandhala 03,2018 Paartiin Badhaadinaa mata duree “...

Haaromsi Aadaa injifannoo Oromoo ceesisudha!

‘OBN Cyber Media’Guraandhala 01,2018 Oromoon sadarkaa gaanfa Afrikaatti saba guddaa...

“Imalli badhaadhinaa hawaasa keenya diinagdeen gahoomsa”-Obbo Namarraa Bulii.

‘OBN Cyber Media’ Amajjii 29,2018 Imalli badhaadhinaa hawaasa keenya aara...