Itiyoophiyaatti jijjiramaan booda bu’aalee misoomaa galmaa’een maqaan gaarii Itiyoophiyaa addunyaa irratti caalaan mul’ateera.
OBN Cyber Media Amjjii 21,2017-Itiyoophiyaatti jijjiramaan booda bu’aalee misoomaa galmaa’een waltajjii dippilomaasii addunyaa irratti maqaan gaarii Itiyoophiyaa addunyaa irratti caalaan akka mul’atu gumaacheera Ministeera Dhimma Alaatti Daarektar Jeneraaliin Dippilomaasii Uummataa Ambaasaaddar Shibbiruu Maammoo.
Lammiin hundi guddinaafi duudhaalee gaarii Itiyoophiyaa addunyaatti beeksisuun biyya isaaf ambaasaaddara ta’uu qaba jedhaniiru.
Itiyoophiyaan durii kaasee bilisummaa Afriikaafi ummatoota gurraachaaf fakkeenyaafi mallattoo ta’uun seenaa dippilomaasii addunyaa keessatti maqaa gaarii biyya qabdu ta’uu eeraniiru.
Dhaabbilee ardiilee fi idil-addunyaa hundeessuu Keessattis biyya ashaaraa seena qabeessa qabduufi teessoo waajjira muummee Gamtaa Afrikaa ta’uu ibsaniiru.
Magaalaan Finfinnee Niiw Yoorkiifi Biraaselsitti aanee magaalaa wiirtuu dippilomaasii sadaffaa ta’uu himanii; erga jijjiiramaa as immoo hariiroo alaa irratti caalaatti guddinni mul’achuu beeksisaniiru.
Itiyoophiyaan misooma diinagdee fi hojiiwwan dippilomaasii Afrikaaf fakkeenyummaa ta’an hojjecha jiraachuus himaniiru.
Erga jijjiramaa as milkaa’ina arganne irraa kan ka’e dhiibbaan Itoophiyaan waltajjii addunyaa irratti qabdu guddachaa akka jiru himaniiru.
Itiyoophiyaan gareewwan addunyaa haaraatti makamaa jirti kan jedhan, Ambaasaaddar Shibbiruun; miseensa BRICS ta’uun ishee gama tumsa biyyoota lamaaniifi qaamota hedduu hirmaachisee keessatti fayyadamaa ta’uu ibsaniiru.
Itiyoophiyaan diinagdee cimaa ijaarteen waraana humna cimaa qabu uumuun ishee hojii dippilomaasii isheef gumaacha guddaa taasisaa jira jedhaniiru.
Jijjiiramni kun erga dhufee as hooggansa Minstira Muummeee Dr Abiyyi Ahimadiin insheetivoonni misooma hojjetamaniin bu’aan olaanaa galmaa’a jirachuu eeraniiru.
Itiyoophiyaan beekamtii idil-addunyaa hedduu akka argatte eeraniiru.
Itiyoophiyaan biyya waan baay’ee hojjettu garuu baay’ee hin dubbatamneef ta’uu ambaasaaddarichi dubbataniiru. Kanaaf, lammiin kamuu guddina Itiyoophiyaafi duudhaalee gaarii ishee addunyaatti beeksisuudhaan biyya isaatiif ambaasaaddara ta’uu akka qabu hubachiisaniiru.TOI





