Biyya argama bunaa,dachee mootii warra Shanan Gibee,kennaa qabeenya uumamaan kan badhaate Godinni Jimmaa.

Date:

Biyya argama bunaa,dachee mootii warra Shanan Gibee,kennaa qabeenya uumamaan kan badhaate Godinni Jimmaa.

Magaalaa Finfinneerra kiiloomeetira 352.7 fagaattee argamti.

Magaalota Itiyoophiyaa qaroominaan seenaa bara dheeraa qaban keessaas tokko.Qe’een qaroominaan dursaa turteefi waggoota dheeraan dura hariiroo biyyoota alaa qabdu kun misoomaan waggoota hedduuf dagatamee turte.

Jaalalaafi midhagina Jimma artistoonni baayyeen sagalee isaaniin warri miidhaginaafi qaroomina ishee jajaa turan muraasni Weellisaa Xilaahuun gaassaseefi Haacaaluu hundeessaa ni ka’u.

Har’a Jimmaaf aduun waan baate fakkaatti. qaanqeen magaalota misoomsuu Finfinneetti eegalame Jimmaan qaqqabe Aggaroofi Bashaashaatti fulla’eera.

Warri misooma fagootti hawaa turan amma ijaan argan. Qe’een Abbaa Jifaar halkanis akka guyyaatti ifuu jalqabeera. Jilli Ministira Muummee Dr Abiyyi Ahimadiin durfamu hojiilee misooma Godina Jimmaa daawwataniiru.

Hawaasni godina Jimmaa jila kanaaf simannaa ho’aa taasisuun jaalalaa hoggontootasaaf qabu agarsiiseera. Hoggantoonni kunneens guyyaafi halkaan magaalaa Jimmaafi Aggaroo keessa deemuun hawaasa isaanii waliin wal arganiiru.

Fuuladurattis Magaalaa Jimmaa, Magaalaa idil-addunyaa gochuuf kallattiiwwan kudhaan Ministirri Muummee Dr Abiyyi Ahimad kennaniiru; Buna qulqullinaafi baay’inaan oomishuu, keessumattuu buna ispeeshaaliitii Xirinyii babal’isuu,Sanyiiwwan baala shaayee addaa addaa biyya keessaa biraandii addaatiin Jimmarratti qindeessuu,Xaa’oo uumamaa oomishuufi fayyadamuu, muduraawwan gara garaa oomishuu, qindeessuufi erguu.

Akkasumas Fooniifi annan loonii, killee lukkuufi foon qulqullinaafi baay’inaan oomishuufi qindeessuun erguu, Mi’eessituwwan adda addaa akkaataa gabaa biyya alaa gituun qindeessanii, saamsanii erguu, Hojiiwwan mukaa addaa addaa sadarkaa idil addunyaan, warshaan qulqullinaan oomishamuu qaba jedhan.

kana malees Warshaalee suphee babal’isuu, oomishaalee ijaarsaaf oolan biyya alaatti erguu,Qabeenya dilbii Jimmaan qabdu seenaa naannichaa, qabeenya uumamaa, haambaalee amantaafi aadaa misoomsuufi walitti hidhuun giddu-gala turizimii gochuu itti dabalauunis Ummanni Jimmaa jaarraa dheeraaf kan ittiin beekamu nageenyaafi aadaa keessummaa simachuu waaressuufi Barmaatilee hawaasa miidhaniifi aadaa hojii dadhabaa ta’e fooyyessuu Jimmaa Magaalaa Idil addunyaa ni godha jedhan.

Jimmi magaalaa seenaa qabeetti ta’u kan himan Dr Abiyyi,Midhaginaafi seenaa jimma ifatti baasuuf yaadaafi ilaalcha irratti hojjetamu dubbatan.Ayinaalem Tarrafaan.

LEAVE A REPLY

Please enter your comment!
Please enter your name here

Share post:

Subscribe

spot_imgspot_img

Popular

More like this
Related

Dubartootaafi Dippilomaasii

‘OBN Cyber Media’ Waxabajjii 17,2018 Humna bishaanii mala dubartii siif...

“Paartiin Badhaadhinaa seenaa gara qabeenyaatti; hambaa gara duudhaatti jijjiire”- Obbo Tamasgeen Xurunee.

‘OBN Cyber Media’ Guraandhala 03,2018 Paartiin Badhaadinaa mata duree “...

Haaromsi Aadaa injifannoo Oromoo ceesisudha!

‘OBN Cyber Media’Guraandhala 01,2018 Oromoon sadarkaa gaanfa Afrikaatti saba guddaa...

“Imalli badhaadhinaa hawaasa keenya diinagdeen gahoomsa”-Obbo Namarraa Bulii.

‘OBN Cyber Media’ Amajjii 29,2018 Imalli badhaadhinaa hawaasa keenya aara...