OBN Cyber Media Amajjii 05,2017-Pirezidaantiin Rippaabiliika Federaalawaa Somaaliyaa Hasan Sheek daawwannaa hojiif Itiyoophiyaa turanis “ollaa ta’anii goondaa hin ta’an’’ isa jedhu mirkaneessuuf michummaafi hariiroo biyyoota lamaanii cimsuuf Itiyoophiyaa dhufaniiru.
Pirezidaanti Hasan Sheek Maahammud turtiisaanii Itiyoophiyaan Finfinneetti iddoowwan seena qabeeyyii adda addaa daawwataniiru.
Ministira Muummee Itiyoophiyaa Dr.Abiyyi Ahmad waliinis dhimmoota gara garaarratti mari’ataniiru. Dr. Abiyyi ergaa karaa fuula miidiyaa hawaasummaasaanii dabarsaniin Pirezidaanti Hasan Sheek Mahaammud waliin marii bu’a qabeessa hariiroo waloo caalmaatti cimsan irratti dubbachuu eeraniiru.
Dureewwan lameen faayidaa waloo isaanii kan ta’e hariiroo gam-lameefi dhimmoota naannawaarratti mari’ataniiru.
Hariiroo obbolummaa ummatoota biyyoota lameen gidduu jiru caalmaatti cimsuufi hariiroofi waloomasaanii cimsuuf ibsa ejjennoo waloo baasaniiru.
Hariiroo dippiloomaasii duraan qaban karaa guutuu ta’eefi gara turetti deebisuufis walii galanaiiru.
Faayidaa waloo isaanii eeguuf walitti dhufeenyaan hojjechuufi ergama dippiloomaasii isaanii damee hunda galeessaan raawwachuufi riifomiin Naannaawaa akka barbaachiisu eerameera.
Nagaafi tasgabbii naannawichaa waaraan mirkaneessuuf biyyoonni lameen wal amanuufi wal kabajuurratti bu’uureffachuun tumsa cimaa akka barbaachiisus ibsameera.
Itiyoophiyaafi Somaaliyaan tumsa diinagdee, investimantiifi daldalaa uumuun hariiroosaanii daran cimsuun hojjechuu akka qaban ibsameera.
Hariiroo dinandee cimaa uumuun hariiroosaanii daran cimsuun badhaadhina waloo mirkaneessuuf waliigalteerra gahuunis eerameera.
Hoggantoonni kunneen hojiirra oolmaa walii galtee Ankaaraaf kutannoon akka hojjetan ibsuun, walii galtichi hariiroo obbolummaafi waltumsarraa irraa kan madde ta’uus eeraniiru.
Hojiirra oolmaa wal hubannaa Ankaaraa kanaafis mariin teekinikaa saffisaan akka eegalamu walii galamuun ibsameera.
Pirezidaanti Hasan Sheek Mahaammud daawwannaa hojiisaanii kan itiyoophiyaa xumuruunis gara biyya isaaniitti deebi’aniiru.








