‘OBN Cyber Media’ Amajji 03,2017- Oromiyaatti hojii kunuunsa qabeenya uumamaan bu’aa gaarii argame itti fufsiisuuf baranas hojiin sulula misoomsuu caalmaatti jabaatee itti fufa jedhame. Hojii misooma sululaa hanga yoonaatti hojjetameen qonnaan bultoonni, horsiise bultoonniifi hawaasni bal’aan fayyadamaa kan jiru yoo ta’u baranas hojicha milkeessuuf dammaqinaan ni hirmaatu jedhameera. Jijjiirama mul’ateef gaheen ogeeyyii qabeenya uuamamaa olaanaa turus hanqinaalee jiran fooyyessuuf Biiroon Qonnaa Oromiyaa ogeeyyii qabeenya uumamaaf leenjii hubannoo uumuu kennaa jiraachuu ibse. Qabeenya uumamaa eeguu, kunuunsuufi sirnaan itti fayyadamuun dirqama dhaloota har’aa ta’uu hubachuun qaamni hunduu xiyyeeffannoon irratti hojjechuu qaba jedhan, Hogganaan Biiroo Qonnaa Oromiyaa Obbo Geetuu Gammachuu.BKNO








