OBN Cyber Media Mudde 26,2017-Ijoolleen erga sadarkaa daa’imummaa bira darbaniin booda gurguddatanii hirriba keessa wayita ofirratti fincaa’an ni mul’atu. Sababni maali jennee wayita kutaalee hawaasaa keessaa namoota muraasa dubbisnetti ka’umsi isaa waan akka ‘ijaa’ ta’uu hin oolu kanneen jedhan jiru.
Obbo Buzunaa Jimaa fi Aadde Mastaawwat Seefuu aanaa Lumee keessa jiraatu. Isaanis naannoo isaaniitti namoonni akkasii akka jiraniifi gaafa maatiin waliin rakkatus ni argina jedhan. Keessattuu akka falaatti ijoolleen rakkoo kana qaban isaan dhiiraa ganama ka’anii akka uraa moofaraatti fincaa’an fa’aa maatiin itti himuu jedhan, wanti kun akka qoricha aadaatti kan tajjajilu ta’uu himuun wantoonni mormatti hidhamanillee akka jiran dubbatu.
Bu’a qabeessummaan isaa namaa namatti garaagaras jedhu. Salaam Oljirraa fi Fiqaaduu Nadii ammoo Magaalaa Mojootti arginee waa’ee dhimmichae gaafanne. Isaanis ijoolleen gurguddoon of jalatti fincaa’an akka jiran himan.
Sababuma kana kanneen xin sammuufi dhibee qofaatiif yeroo hunda saaxilaman jiru jedhu. Sababa yeroo hunda fincaa’aniif uffata miicuufi baasii saamunaatiif saaxilamuunis akka jiru ibsan.
OBN Cyber median dhimmicharratti yaada hawaasni kaaseen cinatti waan saayinsiin fayyaa jedhu baruuf, Hospitaala Mojootti Ispeeshaalistii daa’immanii kan ta’an Dr. Darajjee Bayyanaa waa’ee ka’umsa rakkoo halkan of jalatti fincaa’uufi ka’umsa isaa odeeffateera.
Akka isaan jedhanitti, halkan hirriba keessa of jalatti fincaa’uun kun kan rakkoodha jedhamee himamu gaafa daa’imman waggaa 5 booda kan fincaa’uu itti fufan ta’uu akkeekan.
Haalli kun kan waggaa shanitti dhaabaniifi kan dhaabanii itti deebi’an jedhamuunis kan ilaalamudha jedhan. Waggaa shaniin booda haala irratti hundaa’uun ‘Eurenesif fi Nocturnal eurenesiis’ jedhamuunis lamatti hiramee ilaalamaa jedhu. Innis warra guyyaas halkanis finca’aaniifi warra halkan qofa fincaa’an jedhamuun lamatti qoodamuu himu.
Rakkoon halkan of jalatti fincaa’uu kun dhiirota umrii 10 gadii irratti harka 6-7 kan mul’atu yoo ta’u, shamarran irratti harka 3 ta’a jedhu. Haalli ijoolleen of jalatti fincaa’an kun hammuma umriin isaanii dabaluun kan hir’atu yoo ta’u, gaafa waggaa 18 guutan harka 1% qofatti gadi bu’as jedhan.
Ka’umsi waan kanaa yoo rakkoo fayyaatiin wal hin qabanne fakkeenyaaf infeekshiniin ujummoo fincaanii, quucarummaa/developmental delay, cirracha kalee, sukkaara, afuuffeen fincaanii xiqqaa ta’ee dhalachuufi fincaan kuusuu dadhabuu, rakkoo hormoonitiin yoo wal hin qabannee fi halkan qofa kan isaan ofirratti fincaa’an ta’e rakkoo cimaa miti hin yaadda’inaa jedhu.
Amala isaanitiin namoonni akkasii hirriba waan sirriitti rafaniif akka fincaa’anille hin yaadatanii jedhu. Akka warra kaanii dammaqooo otoo hin taane hirriba gahaa rafuun beekamus jedhu.
Hawwasni waan akka uraa ‘gindii’tti fincaa’uu, daandirratti fincaa’uu, muka utaaluu fi qoricha ija hidhachuun fala inni jedhu kun saayinsiin ni beekaa jennee Dr Darajjee gaafannaan yaadni hawaasaafi kan saayinsii kun walii faalladhaa jedhu.
Egaa warri mana keessatti rakkoo kanaan ijoollee waliin rakkataniif falli maali? jennee Ispeeshaalistii Wal’aansa daa’iimmanii kana wayita gaafannettis tooftaaleen afur jiraachuu himu. Hawaasni mana isaa keessatti ijoollee akkasii qabus ka’umsa isaan fincoofsise dhibeen wal qabatamoo halkan qofa inni jedhu erga ogeessan adda baafamee booda tooftaaleen afran kunneen bu’a qabeessa ta’uu himan.
Tooftaaleen kunis:
1ffaa. Ijoolleef halkan alarm guutuu ykn waan isaan yaadachiisu guutuun falaa jedhan.
2.ffaan ammoo ijoolleef badhaasa xixiqqoo qopheessuun akka isaan fincaa’uu dhiisaniif onnachiisuun fala qorannoon argame keessaa isa tokkoo jedhan.
3ffaan, hordoffii maatiiti jedhan kunis ijoolleen halkan yeroo yeroon ka’anii akka fincaa’an deeggaruufi akka isaan fincaan hin kuufanne deddeebiin kaasudhaa jedhan.
4ffaan ammoo rakkoon fayyummaa dhimmoota armaan olirratti eeraman erga adda bahan booda dawaa yaalaan kennamuuftu jira jedhan.
Ogeessi kunis dhaamsa isaanitiin maatiin rakkoo akkasii ijoolleen isaanii qaban jiraannan maloota oliitiin yoo shaakalanii dadhaban ogeessa ilaalchisuun filmaataa jedhan.
Ijoolleen Guyyaas halkanis bifuma walfakkaatuun fincaa’an garuu oolanii otoo hin buliin mana yaalaatti geeffamuu qabuu jedhan.Zinaabuu Daamxeetu gabaase







