Dachee Qabeenya Uumamaan badhaate Godina Shawaa Lixaa Bosona Jibaat

Date:

Dachee Qabeenya Uumamaan badhaate Godina Shawaa Lixaa Bosona Jibaat ‘OBN Cyber Media’ Mudde 25,2017-Godinni Shawaa Lixaa qabeenya uumamaafi iddoowwan seena qabeessa hedduun kan badhaatedha. Qabeenyi godinichaa aanaalee itti argamu keessaa aanaan Jibaat isa tokko. Aanaan Jibaat bakkeewwaan hawwata turizimiitiif oolaan uumaman badhaadhaan hedduu qabdu keessaa: kanneen akka ardaalee jilaa, dhagaa Tuullaa katar, Fincaawwaan akka fincaa’aa Gaattiraa, Faalleefi Leemman, Bosonoota gurguddoo Akka Bosona Jibaatiifi Asaasaa, Laaftoo Libaniifi kanneen biroon hedduudha. Isaan kanneen keessaa har’aaf waa’ee Bosona Jibaat hamma tokko jabaa isiniin jenna. Bosonni Jibaat Godina Shawaa Lixaa Aanaa Jibaat Magaalaa Shanan irraa km 8 fagaatee kan argamudha. Bosonni Jibaat lafa iskuweer kiilomeetirii 12,000 ol uffisee kan argamuufi gosoota biqiloota garaagaraa 66 ol of keessaa qabaachuu isaa odeeffanneerra. Kana malees, bosonni kun akka madda turiziimiitti taajajila kennuun cinaatti bakka jireenya bineensoota gurguddoofi kanneen lafarra lohaan mukeenirra jiraatanfi kanneen biroollee ta’ee tajaajila jira. Akkasumas yeroo dhiyoo asitti cinaa bosonichaatti dargaggoonniifi hawaasni muraasni gaagura aadaafi ammayyaa hidhuun damma irraa oomishamaa jiraachuus ibsameera. Bosonni jibaat hedduu bal’aafi faayidaa hedduus akka qabu ibsmeen bosonni jibaat Roobaa gahaa naannoo sanaafi akka biyyaatti uumuun cinatti madda bishaan dhugaatii qulqulluu hawaasni jibaatiifi naannooshee hedduun irraa fayyadamaniiti. Bosonni Jibaat Godina Shawaa Lixaa keessatti kan argamu aanaalee Godina Shawaa Lixaa afur Daannoo, Noonnoo, Jibaatiifi Liiban Jaawwii keessatti kan argamuudha. Kana malees, Bosonni Jibaat Bishaan hedduu qulqulluufi dhandhama gaarii of keessa qabuus waan keessaa burquuf qaamni bishaan jibaatirratti investimeentiin hojjeechuun ofiifi hawaasaa fayyaduuf fedhii qabu yoo dhufe haala gaariin kan simatamu ta’uu ibsameera. ATO

Previous article
Next article

LEAVE A REPLY

Please enter your comment!
Please enter your name here

Share post:

Subscribe

spot_imgspot_img

Popular

More like this
Related

“Paartiin Badhaadhinaa seenaa gara qabeenyaatti; hambaa gara duudhaatti jijjiire”- Obbo Tamasgeen Xurunee.

‘OBN Cyber Media’ Guraandhala 03,2018 Paartiin Badhaadinaa mata duree “...

Haaromsi Aadaa injifannoo Oromoo ceesisudha!

‘OBN Cyber Media’Guraandhala 01,2018 Oromoon sadarkaa gaanfa Afrikaatti saba guddaa...

“Imalli badhaadhinaa hawaasa keenya diinagdeen gahoomsa”-Obbo Namarraa Bulii.

‘OBN Cyber Media’ Amajjii 29,2018 Imalli badhaadhinaa hawaasa keenya aara...

“Buusaa Gonofaan duudhaa namoomni ittiin calaqqisiifamuufi jireenyi guyyuu ittiin qajeelfamudha”-PMNO obbo Shimallis Abdiisaa.

Oromoon falaasama sirna Gadaa ijaareen jaarmiyaalee seeraafi sirnaan guutamanii...