back to top

Injifannoo aarsaa qaaliin argate dafqa isaatiin itichaa jiraachuu qabatamaan mirkaneessaa jira

Date:

OBN Cyber Hagayya 17,2016- Dhaabbii biqilaa Ashaaraa Magariisaa Hagayya 17 guutuu Oromiyaatti gaggeeffamaa ooleen uummanni naannoo keenyaa eegeree dhalootaa har’a ijaaruu akka danda’u gochaan mirkaneesseera.

Icciiitiin milkaa’ina keenyaa hoggansa yaadee karoorsee uummata hojjetee milkeessu qabaachuu keenya qofaadha. Uummanni Naannoo keenyaa Golee Oromiyaa hundatti qorraafi roobaan osoo hin daanga’in tokkummaan Ashaaraa isaa kaa’uun aantummaafi gootummaa qabu gochaan mul’iseera.

Uummata keenya abdannee karoora hiixataa karoorsine. Uummanni keenyas daangaa tokko malee hanga ga’u addunyaatti mul’iseera. Kun guddummaa sirna Gadaa keessa jiru, cichoomina imala keenya milkeessuuf qabnu qabatamaan agarsiisa. Naannoofi Biyya keenya sadarkaa Idil Addunyaatti injifannoo gonfachiisuun seenaa haaraa yaadatamaa dhaloota itti aanuuf darbu dalaguun injifannoo dhiigaan dhufe dafqaan utubuu mul’isa.

Kunis uummata injifataa ta’uu irra deebiin kan mul’iseefi jaalala Oromoon qabeenya uumamaa tiksuuf qabu irra deebiin Addunyaaf kan mirkaneessedha.

Uummanni keenya daangaa hanga daangaatti seenaa haaraa hojjechuun injifannoo tokko irraa gara injifannoo biraatti ce’aa jiru imalli isaa dhugoomee gama hundaan aara galfachiisuuf Mootummaan Naannoo Oromiyaa kutannoo olaanaan hojjeta.

Biyyi bu’ureessu; dhalootni waaressu injifataa itti fufa. Hojii ajaa’ibaa seenaan bara baraan yaadatuufi Ashaaraa milkii dhaloota borii kaa’uun milkeessuu keessaniif maqaakoofi maqaa Mootummaa Naannoo Oromiyaatiin galata guddaa isiniif galchaa; damee hojii hundarratti injifannoo kana fakkaatu akka galmeessiftan waamichakoon dhiheessa.

Oromiyaa ni ijaarra

Itoophiyaa ni utubna

Gaanfa Afrikaa ni tasgabbeessina

Waaqayyos nugargaara

Shimallis Abdiisaa Pirezedaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa

Hagayya 2016

Finfinnee

LEAVE A REPLY

Please enter your comment!
Please enter your name here

Share post:

Subscribe

spot_imgspot_img

Popular

More like this
Related

Dorgimmiin Daddaraaroo Marsaa 2ffaan xumurame.

‘OBN Cyber Media’ Fulbaana 05,2016- Dorgommii Daddaraaroo Marsaa 2ffaan...

Oduu Bizinasii Wiixata Guyyaa sa’aa 7:00

https://www.facebook.com/OBNAfaanoromo/videos/469511789424986

Arsenaal Tootenhaamiin galchii 1fi 0’n injifate.

‘OBN Cyber Media’ Fulbaana 05, 2016 - Tapha Piriimeer...

Kantiibaa Adaanech Abeebee hojii misooma kooriidarii magaalaa Bishooftuu daawwatan.

‘OBN Cyber Media’Fulbaana 3/2017- Kantiibaan magaalaa Finfinnee Adaanech Abeebee...