“Mootummaan Itiyoophiyaa nageenyaafi tasgabbii naannichaaf akkasumas biyyoota ollaa waliin qindoominaan hojjechuuf yeroo hunda qophiidha” – Obbo Adam Faaraah
OBN Hagayya 14/2016- Mootummaan Itiyoophiyaa nageenyaafi tasgabbii naannichaaf akkasumas biyyoota ollaa waliin qindoominaan hojjechuuf yeroo hunda qophii ta’uu Sadarkaa Ministira Muummee ittaanaatti qindeessaa olaanaan Giddugala ijaarsa sirna dimokiraasiifi Pirezidaantii ittaanaan paartii Badhaadhinaa Obbo Adam Faaraah himan.
Obbo Adam Faaraah ergaa toora miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin Itiyoophiyaan tokkummaafi nageenya Somaaliyaaf wareegama guddaa kaffalte jedhan.
Ibsiifi haasofni Pireezidaantiin Somaaliyaa yeroo dhiyoo as gochaa jiranis dhugaarraa kan fagaate, hariiroo seenaa-qabeessa biyyoota lamaanii kan hin madaalle, akkasumas dhugaa qabatamaa lafarra jiru kan haale, ollaa gaariifi faayidaa waloo ummattoota biyyoota lamaanii kan faalleessu ta’uu eeran.